LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Namichi Samaariyaa Namoota Hunda Akka Jaallatu Argisiise
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus, “Deebii sirrii kenniteetta; kana gochuu kee itti fufi” isaan jedhe. Mareen isaanii kanumaan xumuramee? Namichi deebii gaaffii kanaa baruu qofa barbaade miti; “qajeelaa taʼuu isaa argisiisuu” fi ilaalchi isaa, akkasumas karaan inni warra kaan itti qabu sirrii taʼuun isaa akka isaaf mirkaneeffamu barbaade. Kanaaf, “Nama isa kam jaallachuun qaba?” jedhee gaafate. (Luqaas 10:28, 29) Gaaffiin salphaa fakkaatu kun wanta guddaa nu hubachiisa. Akkamitti?

      Yihudoonni namoota aadaa Yihudootaa eegan qofa jaallachuu akka qaban amanu. Kana irra iyyuu darbee, Yihudiin tokko nama Yihudii hin taanee wajjin hariiroo qabaachuun “akka isaaf hin heyyamamne” dubbata taʼa. (Hojii Ergamootaa 10:28) Kanaaf, namichi kun, tarii immoo barattoonni Yesuus tokko tokko iyyuu nama Yihudiitti gaarummaa yoo argisiisan qajeelota akka taʼan yaadu. Nama Yihudii hin taanetti garuu gaarummaa hin argisiisan.

  • Namichi Samaariyaa Namoota Hunda Akka Jaallatu Argisiise
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Dhuguma iyyuu kun mala barsiisuu buʼa qabeessa taʼe dha! Utuu Yesuus salphaadhumatti namoota Yihudii hin taanes jaallachuu akka qabu isatti himeera taʼee, namichi kunii fi Yihudoonni Yesuusiin dhaggeeffachaa turan yaada isaa ni fudhatu turanii? Waan fudhatan hin fakkaatu. Haa taʼu malee, yaada dhaggeeffattoota isaa biratti baramaa taʼetti fayyadamee seenaa salphaa isaanitti himuudhaan deebiin gaaffii, “Nama isa kam jaallachuun qaba?” jedhuu ifa akka taʼu taasise. Namichi nama akka ofii isaatti akka jaallatu argisiise, nama isa jaalalaa fi gaarummaa Kitaabonni Qulqulluun akka argisiisnu nu ajajan argisiise dha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi