-
Yihowaan “Warra Isa Kadhataniif Hafuura Qulqulluu Kenna!”Masaraa Eegumsaa—2007 | Amajjii 1
-
-
4 Yesus akkas jedhe: “Isin keessaa tokko fira yoo qabaate, firri isaa sun immoo halkan walakkaa gara isaa dhaqee, ‘Yaa hiriyaa ko buddeena sadii anaaf liqeessi. Firri koo tokko karaa utuu adeemuu, ammuma kana mana kootti gorraan, waanan dhi’eessuuf dhabe’ in jedhaan. Hiriyaan isaa sun immoo mana keessaa, ‘Obboleessa ko ana hin dhamaasin, balballi cufameera, ijoolleen koos anaa wajjin siree irra jiru, rafaniirus, ani immoo danda’ee ka’ee siif hin kennu’ in jedhaan ture. Isinittan hima, firummaa isaa ilaalee ka’ee yoo buddeenicha kennuufii baate iyyuu waan inni deddeebisee ija jabaatee kadhateef, ka’ee kan isa barbaachise in kennaaf.” Ittaansuudhaanis fakkeenyi kun kadhannaa wajjin kan wal qabatu akkamitti akka ta’e akkas jechuudhaan ibse: “Egaa isinittan hima, kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama. Kan kadhatu hundinuu in fudhata, kan barbaadus in argata, balbala kan rukutuufis in banama.”—Luqaas 11:5-10.
-
-
Yihowaan “Warra Isa Kadhataniif Hafuura Qulqulluu Kenna!”Masaraa Eegumsaa—2007 | Amajjii 1
-
-
6. Bara Yesus lafarra ture, keessummaa simachuu ilaalchisee aadaa akkamiitu ture?
6 Yesus deddeebisnee kadhachuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e qofa utuu hin ta’in, kana gochuu kan qabnu maaliif akka ta’es ibseera. Namoonni yommuu Yesus fakkeenya nama keessummaa simate dubbate dhaggeeffachaa turan keessummaadhaaf ilaalcha akkamii akka qaban qorachuun keenya barumsa kana sirriitti hubachuuf nu gargaara. Bara duriitti, keessummaa simachuun aadaa bakki guddaan kennamuuf akka ture kan ibsan seenaan Macaafa Qulqulluu hedduun kan jiran yommuu ta’u, keessumaa tajaajiltoonni Waaqayyoo kana gochuu qabu turan. (Uumama 18:2-5; Ibroota 13:2) Keessummaa tokkoof simannaa barbaachisu utuu hin godhin hafuun gocha nama yeellaasisu ture. (Luqaas 7:36-38, 44-46) Kana yaadatti qabachuudhaan seenaa Yesus dubbate irra deebinee haa ilaallu.
7. Namichi fakkeenya Yesusirratti keessummaa simachuunsaa ibsame, hiriyaasaa hirribaa dammaqsuu kan hin qaanofne maaliifi?
7 Fakkeenya nama keessummaa simaterratti akka ibsametti, keessummaansaa kan dhufe halkan walakkaa ture. Namichi kun keessummaasaatiif nyaata dhiheessuu akka qabu itti dhaga’amus, ‘waan dhiheessuuf hin qabu’ ture. Akka ilaalchasaatti dhimmi kun wanta atattamaan furmaata argachuu qabudha! Maaliyyuu yoo ta’e keessummaansaa buddeen xinnoo argachuu akka qabutu itti dhaga’ama. Kanaaf, qaanii tokko malee gara hiriyaasaa dhaqee, “Yaa hiriyaa ko buddeena sadii anaaf liqeessi” jedhee isa waamuu jalqabe. Wanta barbaadu hanga argatuttis, gaafachuusaa hin dhaabu. Keessummaasaa sirriitti keessumsiiseera jechuun kan danda’amu buddeena yoo argate qofadha.
Wanta Baay’ee Barbaannu Deddeebisnee Kadhanna
8. Hafuura qulqulluu argachuuf deddeebisnee akka kadhannu wanti nu kakaasu maalidha?
8 Fakkeenyi kun deddeebisanii kadhachuun barbaachisaa ta’uusaa hubachuuf kan nu gargaru akkamitti? Namichi kun deddeebi’ee ija jabinaan kadhachuusaatiin buddeen argachuunsaa, itti gaafatamummaa keessummaa keessumsiisuuf qabu raawwachuuf akka isa dandeessisu waan hubateefidha. (Isaayaas 58:5-7) Buddeena keessummaasaatiif barbaachisu utuu hin argatin yoo hafe itti gaafatamummaasaa raawwachuu hin danda’u. Nutis, Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, tajaajila keenya raawwachuuf hafuura Waaqayyoo argachuun akka nu barbaachisu waan hubannuuf, Waaqayyoon kadhachuufi hafuurasaa akka nuu kennu gaafachuu qabna. (Zakaariyaas 4:6) Gargaarsa hafuura qulqulluutiin alatti wanti yaanne nuu mijaa’uu hin danda’u. (Maatewos 26:41) Fakkeenyi kun xumura baay’ee gaarii ta’erra akka geenyu kan nu gargaaru ta’uusaa hubatteettaa? Hafuura Waaqayyoo atattamaan argachuun akka nu barbaachisu yoo nutti dhaga’ame, hafuurasaa argachuuf deddeebisnee kadhachuun keenya hin oolu.
9, 10. (a) Hafuura Waaqayyoo argachuuf deddeebisnee kadhachuun kan barbaachisu maaliif akka ta’e fakkeenyaan ibsi. (b) Maal jennee of gaafachuu qabna? Maaliif?
9 Yeroo har’aatti barumsa kana hojiirra oolchuuf akka nu gargaarutti, fakkeenya tokko haa ilaallu. Maatiikee keessaa namni tokko halkan walakkaa dhukkubsate haa jennu. Gargaarsa argachuuf ogeessa fayyaa tokko hirriba keessaa ni kaastaa? Baay’ee hin dhukkubsanne taanaan akkas hin gootu. Haata’u malee, dhukkubichi dhukkuba onnee yoo ta’e ogeessa fayyaa waamuuf hin qaanoftu. Maaliif? Dhimmisaa ariifachiisaa waan ta’eefidha. Nama gama kanaan leenjii argate akka si gargaaru beekta. Yeroo akkasiitti gargaarsa gaafachuu dhiisuun nama dhukkubsate sana du’aaf saaxiluu danda’a. Haaluma wal fakkaatuun Kiristiyaanonni dhugaas haala ariifachiisaa keessatti argamu. Seexanni “akka leenci yeroo beela’utti aadaa naanna’utti” nu liqimsuuf oliifi gadi kan naanna’u ta’uunsaa beekamaadha. (1 Phexros 5:8) Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu eegnee jiraachuu yoo barbaanne, gargaarsa hafuura Waaqayyoo argachuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Gargaarsa Waaqayyoo gaafachuu dhiisuun karaa hafuuraa du’a nutti fiduu danda’a. Kanaaf, Waaqayyo hafuurasaa akka nuu kennuuf jabeessinee kadhanna. (Efesoon 3:14-16) Jabina “hamma dhumaatti” dhaabachuuf nu dandeessisu argachuu kan dandeenyu yoo akkas goone qofadha.—Maatewos 10:22; 24:13.
-