LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Inni In Duʼe, Garuu Ammayyuu Dubbachaa Jira’
    Masaraa Eegumsaa—2013 | Amajjii 1
    • Abeel kan dhalate namoonni jalqabaa erga uumamanii baayʼee utuu hin turinidha. Abeeliin ilaalchisee Yesus yeroo booda, “Uumama biyya lafaatii jalqabee” jechuudhaan dubbateera. (Luqaas 11:50, 51) Yesus yommuu akkas jedhu waaʼee ilmaan namootaa cubbuurraa furamuuf abdii qabanii caqasuusaa ture. Ilmaan namootaa keessaa Abeel isa afuraffaa siʼa taʼu, fayyina argachuuf nama yeroo jalqabaatiif Waaqayyo duratti surraa argate akka taʼe beekamaadha.a Abeel yeroo ijoollee xinnoo turetti namni dhiibbaa gaarii isarratti godhe akka hin jirre ifadha.

  • ‘Inni In Duʼe, Garuu Ammayyuu Dubbachaa Jira’
    Masaraa Eegumsaa—2013 | Amajjii 1
    • a Jechi “uumama biyya lafaatii jalqabee” jedhu sanyii facaasuufi mucaa godhachuu yaada jedhu waan dabalatuuf yaanni kun ijoollee Addaamiifi Hewwaan warra jalqabaa kan argisiisudha. Haataʼu malee, Yesus Qaayin mucaa Addaamiifi Hewwaan isa angafaa utuu hin taʼin, Abeeliin “uumama biyya lafaatii” wajjin kan walbira qabe maaliifi? Murtoon Qaayin godheefi tarkaanfiin inni fudhate, taʼe jedhee Yihowaarratti kaʼuusaa kan argisiisu akka ture hubachuun ni dandaʼama. Qaayin akkuma warrasaa abdii duʼaa kaʼuu hin qabu; furiirraas faayidaa hin argatu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi