-
Afeerraa NyaataaYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
“Namni tokko afeerrii irbaataa guddaa qopheessee namoota hedduu afeere. Namichis . . . garbichi isaa dhaqee warra afeeraman sanaan, ‘Amma wanti hundi waan qophaaʼeef kottaa’ jedhee akka waamu isa erge. Haa taʼu malee, hundi isaanii sababii adda addaa dhiheessuu jalqaban. Inni jalqabaa, ‘Ani lafa waanan bitadheef dhaqee ilaaluun qaba; kanaaf, dhiifama akka anaaf gootu sin kadhadha’ jedheen. Inni tokkos, ‘Ani qotiyyoo cimdii shan waanan bitadheef dhaqeen isaan qora; kanaaf, dhiifama akka anaaf gootu sin kadhadha’ jedhe. Inni tokko immoo, ‘Reefuu fuudhuu koo ti; kanaaf, dhufuu hin dandaʼu’ jedhe.”—Luqaas 14:16-20.
-
-
Afeerraa NyaataaYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
Yaadni kun, Yihowaan, Yesuus Kiristoos namoonni Mootummaa samii akka dhaalaniif akka isaan afeeru akkamitti akka isatti fayyadame kan ibsu dha. Afeerraan kun jalqaba irratti Yihudootaaf keessumaa immoo warra geggeessitoota amantii taʼaniif dhihaate. Hedduun isaanii yeroo Yesuus tajaajila irratti dabarse hundatti afeerraa kana hin fudhanne. Taʼus, afeerraan kun kan dhihaatu isaan qofaaf miti. Yesuus gara fuulduraatti afeerraan lammaffaan Yihudoota tuffatamoo taʼanii fi warra amantii Yihudootaa fudhataniif akka dhihaatu ibsaa jira. Booda immoo, afeerraan kun yeroo sadaffaa fi isa xumuraatiif namoota Yihudoonni Waaqayyo biratti fudhatama hin qaban jedhanii yaadaniif dhihaata.—Hojii Ergamootaa 10:28-48.
-