LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ilmi Badee Ture Ni Deebiʼe
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • The father talking to his older son

      Yeroo kanatti ilmi inni hangafaa maasii keessa ture. Yesuus waaʼee isaa akkana jedhe: “Yeroo achii deebiʼee manatti dhihaatus sagalee muuziqaa fi sirbaa dhagaʼe. Kanaaf hojjettoota keessaa isa tokko ofitti waamee maaltu taʼaa akka jiru isa gaafate. Innis, ‘Obboleessi kee dhufeera, abbaan kees inni nagaadhaan deebiʼee waan isa argateef jibicha isa gabbataa qaleera’ jedheen. Obboleessi inni hangafni garuu aaree gara manaatti seenuu dide. Achiis abbaan isaa gad baʼee isa kadhachuu jalqabe. Innis deebisee abbaa isaatiin akkana jedhe: ‘Kunoo, ani waggoota hedduu hammanaatiif akka garbichaatti si tajaajileera, takkaa illee ajaja kee matumaa didee hin beeku; ati garuu akka ani hiriyoota koo wajjin gammaduuf ilmoo reʼee tokko illee anaaf kennitee hin beektu. Ilmi kee inni qabeenya kee gaalamootaa wajjin bittinse kun akkuma dhufeen garuu, jibicha isa gabbataa qalteef.’”—Luqaas 15:25-30.

      Akkuma ilma hangafaa kanaa, Yesuus namoota kaanii fi cubbamootaaf dhiifama gochuu, akkasumas xiyyeeffannaa kennuu isaa mormaa kan turan eenyu faʼi? Barsiisota seeraa fi Fariisota dha. Yesuus cubbamoota simachuu isaa mormuun isaanii, akka inni fakkeenya armaan olii dubbatu isa taasiseera. Namni Waaqayyo dhiifama gochuu isaa mormu kam iyyuu, fakkeenya kana irraa barachuu qaba.

  • Ilmi Badee Ture Ni Deebiʼe
    Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
    • Yesuus wanta ilmi inni hangafaa dhuma irratti godhe hin dubbanne. Haa taʼu malee, Yesuus duʼee erga duʼaa kaafamee booda, ‘luboonni hedduun amantoota taʼaniiru.’ (Hojii Ergamootaa 6:7) Isaan keessaa tokko tokko namoota Yesuus fakkeenya ilma badee turee fi ergaa cimaa qabu kana yeroo dubbatu kan dhagaʼan taʼuu dandaʼu. Eeyyee, isaanis yaada naanneffatanii, akkasumas yaada geddaratanii gara Waaqayyootti deebiʼuu ni dandaʼu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi