-
Mucicha Isa Abdachiifamee TureYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
Erga kun taʼee jiʼi tokkoo ol kan darbe siʼa taʼu, Yesuus guyyaa 40 guuteera. Warri isaa eessa isa geessu laata? Gara mana qulqullummaa Yerusaalem isa bakka isaan jiran irraa kiiloo meetira muraasa fagaatee jirutti isa geessuuf jedhu. Seerichi dubartiin ilma deesse guyyaa 40 booda, mana qulqullummaatti aarsaa qulqullaaʼuuf gargaaru akka dhiheessitu ajaja.—Lewwoota 12:4-8.
Maariyaamis akkasuma goote. Simbirroota xixinnoo lama dhiheessite. Kun haala jireenyaa Yoseefii fi Maariyaam hubachuuf nu gargaara. Akka Seerichi ajajutti, dhihaachuu kan qabu xobbaallaa hoolaa fi simbirroo tokko dha. Taʼus, dubartiin hoolaa dhiheessuu hin dandeenye, gugee guguddaa ykn gugee cuucii lama dhiheessiti. Maariyaamis hoolaa dhiheessuu waan hin dandeenyeef aarsaa akkasii dhiheessite.
-