-
Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Weerara Dhibee Maal Jedha?Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
-
-
Kitaabni Qulqulluun waaʼee weerara dhibee raajii ni dubbataa?
Kitaabni Qulqulluun weerarri dhibee ykn dhukkuboonni kan akka kooviid-19, eedsii ykn Ispaanish filuu jiran akka kaʼan adda baasee hin dubbatu. Taʼus “golfaa” fi “dhaʼicha cimaa” ilaalchisee raajii ni dubbata. (Luqaas 21:11; Mulʼata 6:8) Taʼeewwan kun mallattoowwan “guyyoota dhumaa” ykn “dhuma sirna kanaa” keessa akka jirru argisiisanii dha.—2 Ximotewos 3:1; Maatewos 24:3.
-
-
Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Weerara Dhibee Maal Jedha?Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
-
-
Luqaas 21:11: “Golfaan ni jiraata.”
Ergaa isaa: Dhukkuboonni babalʼachuun isaanii mallattoo bara dhumaa keessa akka jirru argisiisan keessa tokko dha.
-