LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Kiristoos Humna Waaqayyoo Ti’
    Yihowaatti Dhihaadhu
    • “Dubbiidhaan . . . Aango Qabeessa”

      8. Yesuus erga dibamee booda maal gochuuf humna argate? Humna isaatti kan fayyadame hoo akkamitti?

      8 Yesuus yeroo mucaa xinnoo taʼee Naazireet keessa turetti dinqii akka hin raawwanne haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Haa taʼu malee, Dh.K.B. bara 29​tti umurii isaa gara waggaa 30​tti erga cuuphamee kaasee dinqii raawwachuu jalqabeera. (Luqaas 3:21-23) Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo hafuura qulqulluu fi humnaan . . . akka isa dibe, akkasumas . . . wanta gaarii hojjechaa fi namoota Diyaabilosiin cunqurfaman hundumaa fayyisaa biyyattii keessa akka naannaʼe” ni ibsa. (Hojii Ergamootaa 10:38) Yesuus “wanta gaarii hojjechaa” akka ture ibsamuun isaa, humna isaatti karaa sirrii taʼeen akka fayyadamu kan argisiisu mitii? Yesuus erga dibamee booda, “hojii fi dubbiidhaan raajii aango qabeessa” taʼeera.—Luqaas 24:19.

      9-11. (a) Yesuus yeroo baayʼee eessatti barsiisa ture? Haala akkamiitiin barsiisuu qaba ture? (b) Namoonni barumsa Yesuus kan dinqisiifatan maaliifi?

      9 Yesuus dubbiidhaan aango qabeessa kan taʼe akkamitti? Yeroo baayʼee namoota kan barsiisu alatti, jechuunis qarqara galaanaatti, gaara biratti, karaa irrattii fi bakka gabaatti ture. (Maarqos 6:53-56; Luqaas 5:1-3; 13:26) Dubbiin isaa yoo isaanitti toluu baate dhaggeeffattoonni isaa isa dhiisanii deemuu dandaʼu turan. Bara kitaabonni maxxanfaman hin jirre sanatti, dhaggeeffattoonni isaa warri dinqisiifannaa qaban barumsa isaa sammuu fi garaa isaaniitti qabachuu qabu turan. Kanaaf, barumsi Yesuus xiyyeeffannaa namaa kan harkisu, akka gaariitti kan hubatamuu fi salphaatti kan yaadatamu taʼuu qaba. Kana gochuun garuu Yesuusiif ulfaataa hin turre. Mee Lallaba isaa Isa Gaaraa akka fakkeenyaatti ilaali.

      10 Jalqaba Dh.K.B. bara 31​tti gaaf tokko ganama, namoonni hedduun gaara Galaana Galiilaa bira jiru tokko jalatti wal gaʼan. Isaan keessaa tokko tokko magaalota Yihudaa fi Yerusaalem kiilomeetira 100 hanga 110 fagaatan irraa kan dhufan turan. Warri kaan immoo naannoo qarqara galaanaa Xiirosii fi Siidoon warra kallattii kaabaatti argaman irraa dhufan. Namoonni dhukkubsatan hedduun Yesuusiin tuquuf isatti dhihaatu turan, innis hunda isaanii fayyiseera. Namoonni hundi erga fayyanii booda isaan barsiisuu jalqabe. (Luqaas 6:17-19) Achiis yeroo muraasa booda yommuu inni barsiisee xumuru, namoonni sun wanta dhagaʼan ni ajaaʼibsiifatan. Maaliifi?

      11 Namni lallaba sana dhagaʼe tokko waggoota muraasa booda, “Namoonni hedduun sun akkaataa inni itti barsiise baayʼee dinqisiifatan; sababiin isaas, inni . . . akka nama aangoo qabuutti isaan barsiisaa ture” jedhee barreesseera. (Maatewos 7:28, 29) Yesuus dubbiidhaan aango qabeessa akka taʼe warri kaan hubachuu dandaʼaniiru. Waaqayyoon bakka buʼee dubbata, barumsi isaas Dubbii Waaqayyoo irratti kan hundaaʼe ture. (Yohaannis 7:16) Wanti inni dubbatu ifaa, gorsi isaa kan nama amansiisuu fi ragaan inni dhiheessus kan hin haalamne ture. Dhaggeeffattoonni isaa madda rakkina isaanii akka hubatan isaan gargaareera, akkasumas akka of gamaaggaman isaan jajjabeesseera. Gammachuu argachuu, kadhannaa dhiheessuu, Mootummaa Waaqayyoo barbaaduu fi egeree amansiisaa qabaachuu akkamitti akka dandaʼan isaan barsiiseera. (Maatewos 5:3–7:27) Dubbiin isaa namoota dhugaa fi qajeelummaa dheebotan dammaqseera. Namoonni kun isa duukaa buʼuuf jecha ‘of ganuu’ fi waan hundumaa dhiisuuf fedhii qabu turan. (Maatewos 16:24; Luqaas 5:10, 11) Kun dubbiin Yesuus humna guddaa akka qabu kan argisiisu mitii?

      ‘Hojiidhaan Aango Qabeessa’

      12, 13. Yesuus ‘hojiidhaan aango qabeessa’ kan ture akkamitti? Dinqiiwwan gara garaa akkamii raawwate?

      12 Yesuus ‘hojiidhaanis aango qabeessa’ ture. (Luqaas 24:19) Wangeelonni, Yesuus dinqiiwwan 30 ol akka raawwate ibsu; hundi isaanii iyyuu ‘humna Yihowaatiin’ raawwataman.b (Luqaas 5:17) Dinqiiwwan Yesuus raawwate namoota kumaan lakkaaʼaman fayyadaniiru. Mee dinqiiwwan inni raawwate lama haa ilaallu; takka dhiirota 5,000 booda immoo dhiirota 4,000 sooreera. Dubartoonnii fi ijoolleen yoo itti dabalaman immoo namoonni kun kuma hedduu taʼu.—Maatewos 14:13-21; 15:32-38.

      13 Yesuus dinqiiwwan adda addaa hedduu raawwateera. Jinniiwwan irratti aangoo waan qabuuf, salphumatti isaan baaseera. (Luqaas 9:37-43) Qaamota lubbu dhabeeyyii irratti aangoo waan qabuuf bishaan daadhii wayiniitti jijjiireera. (Yohaannis 2:1-11) Barattoonni isaa ‘Yesuus galaana irra utuu deemuu’ yeroo argan hangam akka gammadan mee yaadi. (Yohaannis 6:18, 19) Namoota hirʼina qaamaa qabanii fi dhukkuba ciccimoo gara garaa hunda fayyisuudhaan, dhukkuba irratti aangoo akka qabu argisiiseera. (Maarqos 3:1-5; Yohaannis 4:46-54) Dinqiiwwan fayyisuu kana kan raawwate karaa adda addaatiin ture. Namoota tokko tokko fagoo taaʼee fayyise; kaan immoo harkaan qaqqabee fayyise. (Maatewos 8:2, 3, 5-13) Namoonni tokko tokko takkumaan fayyan; kaan immoo suuta suuta fayyan.—Maarqos 8:22-25; Luqaas 8:43, 44.

      ‘Yesuus galaana irra utuu deemuu argan’

      14. Yesuus, namoota duʼaa kaasuuf humna akka qabu kan argisiise haalawwan adda addaa akkamii keessatti ture?

      14 Hunda caalaa kan nama dinqisiisu immoo, Yesuus duʼa irratti aangoo qaba. Haala adda addaa sadii keessatti namoota duʼaa kaaseera; intala umurii waggaa 12 tokko kaasee warra ishiitiif kenneera, ilma tokkicha dubartii abbaan mana irraa duʼee kaaseera, akkasumas obboleessa isaanii jaallatan tokko obboleettota isaatiif kaaseera. (Luqaas 7:11-15; 8:49-56; Yohaannis 11:38-44) Wanti isatti ulfaate tokko illee hin turre. Intala waggaa 12 sana, duutee utuma baayʼee hin turin, utuu siree ishii irra jirtu duʼaa kaaseera. Ilma dubartii abbaan manaa irraa duʼe sanaa, tarii guyyuma duʼe sanatti taʼuu dandaʼa, utuu awwaaluuf baatanii deemanii kaaseera. Alaazaariin immoo erga duʼee guyyaa afur booda awwaala keessaa isa kaaseera.

  • ‘Kiristoos Humna Waaqayyoo Ti’
    Yihowaatti Dhihaadhu
Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi