LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Cuuphaan Maalidha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
    • Hafuura qulqulluudhaan cuuphamuu. Yohaannisis taʼe Yesuus waaʼee hafuura qulqulluudhaan cuuphamuu dubbataniiru. (Maatewos 3:11; Luqaas 3:16; Hojii Ergamootaa 1:1-5) Cuuphaan kun garuu maqaa hafuura qulqulluutiin cuuphamuu wajjin tokko miti. (Maatewos 28:19) Akkas kan jennu maaliifi?

      Duuka buutota Yesuus muraasa qofatu hafuura qulqulluudhaan cuuphama. Isaanis Kiristoosii wajjin samii irratti mootota taʼanii akka bulchanii fi lafa irratti luboota taʼanii akka tajaajilan waan waamamaniif hafuura qulqulluudhaan dibamaniiru.f (1 Pheexiros 1:3, 4; Mulʼata 5:9, 10) Duuka buutonni Yesuus miliyoonaan lakkaaʼamanii fi lafa Jannata taatu irra jiraachuuf abdii qaban isaan jalatti bulu.—Maatewos 5:5; Luqaas 23:43.

  • Cuuphaan Maalidha?
    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
    • Ibiddaan cuuphamuu. Yohaannis Cuuphaan namoota isa dhaggeeffataniin akkana jedhee ture: “Inni [Yesuus] hafuura qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha. Laayidaa ittiin qulleessu harkatti qabateera; oobdii isaa guutummaatti ni qulqulleessa; achiis qamadii isaa gootaraatti ni galcha, habaqii isaa garuu ibidda dhaamuu hin dandeenyeen guba.” (Maatewos 3:11, 12) Ibiddaan cuuphamuu fi hafuura qulqulluudhaan cuuphamuun garaa garummaa qaba. Yohaannis yeroo kana dubbatu maal jechuu isaa ture?

      Qamadiin namoota Yesuusiin dhaggeeffatanii fi isaaf ajajaman argisiisa. Namoonni akkasii abdii hafuura qulqulluudhaan cuuphamuu qabaatu. Habaqiin immoo namoota Yesuusiin hin dhaggeeffanne argisiisa. Namoonni kun ibiddaan cuuphamu, jechuunis bara baraaf balleeffamu.—Maatewos 3:7-12; Luqaas 3:16, 17.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi