-
Boqonnaan Waaqayyoo Maalidha?Masaraa Eegumsaa—2011 | Adoolessa 15
-
-
3. Yaanni Yesus Yohannis 5:16, 17rra jiru, guyyaa torbaffaan jaarraa jalqabaatti itti fufee akka ture kan argisiisu akkamitti?
3 Dh.K.D. jaarraa jalqabaattis guyyaa torbaffaan itti fufee akka ture ragaawwan argisiisan lama jiru. Ragaa tokkoffaa wanta Yesus diinotasaa tokko tokkoon jedherraa arganna. Jarri kun Yesus guyyaa Sanbataatti namoota fayyisuusaa akka hojiitti waan lakkaaʼaniif isatti aaranii turan. Gooftaanimmoo, “Abbaan koo amma iyyuu hojjechuutti jira, anis immoo nan hojjedha” isaaniin jedhe. (Yoh. 5:16, 17) Yesus maal jechuusaa ture? Yesus kan himatame guyyaa Sanbataatti waan hojjeteef ture. Himata kanaafis, ‘Abbaan koo hojjechuutti jira’ jechuudhaan deebii kenneera. Yesus mormitootasaatiin, ‘Aniifi Abbaankoo hojii wal fakkaatu hojjenna. Abbaankoo Sanbatasaa isa waggoota kumaatamaan lakkaaʼamaniitti hojjechaa waan jiruuf, anis guyyaa Sanbataattillee hojjechuun naa heyyamama’ jechuusaa ture. Kanaafuu, Yesus yeroo inni turetti lafaa wajjin haala wal qabateen guyyaa torbaffaan, jechuunis guyyaan boqonnaa Waaqayyoo akka hin xumuramne argisiiseera.a
-
-
Boqonnaan Waaqayyoo Maalidha?Masaraa Eegumsaa—2011 | Adoolessa 15
-
-
5. Kaayyoon guyyaa torbaffaa maal ture? Kaayyoon kun guutummaatti galmasaarra kan gaʼu yoomi?
5 Gaaffii kana deebisuuf, kaayyoon guyyaa torbaffaa maal akka taʼe yaadachuu qabna. Uumamni 2:3, “Waaqayyo . . . guyyaa torbaffaa sana in eebbise, in qulqulleesses” jechuudhaan kaayyoosaa ibsa. Guyyaan sun, kaayyoosaa galmaan gaʼuuf Yihowaadhaan ‘kan qulqulleeffame’ ykn kan adda baafame ture. Kaayyoon sun, lafti namoota abboomamoo lafaafi lubbu qabeeyyii isheerra jiran hunda kunuunsaniin akka guutamtu gochuudha. (Uma. 1:28) Yihowaafi Yesus Kiristos inni “Sanbata irratti iyyuu gooftaa” taʼe, ‘amma iyyuu hojjechaa kan jiran’ kaayyoo kana galmaan gaʼuufidha. (Mat. 12:8) Hamma kaayyoon Yihowaan guyyaa kanaaf qabu dhuma Bulchiinsa Kiristos Waggaa Kumaatti guutummaatti galmasaarra gaʼutti, guyyaan boqonnaa Waaqayyoo itti fufa.
-
-
Boqonnaan Waaqayyoo Maalidha?Masaraa Eegumsaa—2011 | Adoolessa 15
-
-
a Luboonniifi Lewwoonni, mana qulqullummaa wajjin haala wal qabateen guyyaa Sanbataatti hojii kan hojjetan yommuu taʼu, ‘yakka taʼee isaanitti hin lakkaaʼamu’ ture. Yesusis mana qulqullummaa hafuuraa Waaqayyoo isa guddaa keessatti hangafa lubootaa waan taʼeef, seera Sanbataa akka cabse utuu isatti hin dhagaʼamin hojii hafuuraa isaa kenname raawwachuu dandaʼa.—Mat. 12:5, 6.
-