LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Garaa Firoota Keenyaa Tuquu Ni Dandeenyaa?
    Masaraa Eegumsaa—2014 | Bitootessa 15
    • Jaarraa tokkoffaatti, Indiriyaas namoota Yesus Masiihii taʼuusaa jalqaba baran keessaa tokkodha. Maarree, wanta bare jalqaba eenyutti hime? ‘Indiriyaas, dura obboleessasaa Simooniin argatee, “Masiihicha arganneerra” jedhee itti hime; “Masiihii” jechuun “Kiristos” jechuudha.’ Indiriyaas Phexrosiin gara Yesusitti geessuudhaan, bartoota Yesus keessaa tokko taʼuuf carraa akka argatu godheera.​—Yoh. 1:35-42.

  • Garaa Firoota Keenyaa Tuquu Ni Dandeenyaa?
    Masaraa Eegumsaa—2014 | Bitootessa 15
    • Wanta Indiriyaasiifi Qorneelewos firootasaaniitiif godhanirraa barumsa akkamii arganna?

      Indiriyaasis taʼe Qorneelewos fironnisaanii kun yeruma taʼetti haa dhagaʼan jedhanii hin dhiisne. Indiriyaas waaʼee Yesus ofumasaatii Phexrositti kan hime siʼa taʼu, Qorneelewosimmoo haala mijeessuudhaan firoonnisaa haasaa Phexros akka dhaggeeffatan godheera. Taʼus Indiriyaasis taʼe Qorneelewos, firootasaanii hin dirqisiisne ykn isaan gowwoomsuudhaan duuka buutota Kiristos akka taʼan gochuuf hin yaalle. Kanarraa maal baranna? Nutis akkumasaanii gochuun keenya gaariidha. Firoota keenyatti yaada tokko tokko himuudhaan, dhugaa Macaafa Qulqulluu akka beekan, akkasumas obboloota keenyaa wajjin akka wal baran gochuu dandeenya. Haataʼu malee, isaan dirqisiisuuf yaaluurraa of qusachuu qabna. Firoota keenya akkamitti gargaaruu akka dandeenyu ilaaluuf, fakkeenya hiriyoota gaaʼelaa Jarman jiraataniifi Yuurganiifi Peetraa jedhamanii haa ilaallu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi