-
“Eenyu Iyyuu Akka Nama Kanaatti Matumaa Dubbatee hin Beeku”“Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
-
-
BOQONNAA KUDHA TOKKO
“Eenyu Iyyuu Akka Nama Kanaatti Matumaa Dubbatee hin Beeku”
1, 2. (a) Loltoonni Yesuusiin akka qaban ergaman utuu isa hin qabin kan deebiʼan maaliifi? (b) Yesuus barsiisaa dandeettii guddaa qabu taʼuu kan dandaʼe maaliifi?
FARIISONNI baayʼee aaraniiru. Yesuus mana qulqullummaa keessatti waaʼee Abbaasaa barsiisaa jira. Namoonni isa dhaggeeffachaa jiran wal qoqqoodaniiru; baayʼeensaanii isatti kan amanan taʼus, warri kaan garuu akka qabamu barbaadu. Geggeessitoonni amantaa aariisaanii toʼachuu waan dadhabaniif, Yesuusiin qabsiisuuf loltoota ergan. Haataʼu malee, loltoonni sun utuu isa hin qabin deebiʼan. Yeroo kanatti dura buutonni lubootaa fi Fariisonni, “Maaliif isa hin fidne?” jedhanii isaan gaafatan. Loltoonni kunis, “Eenyu iyyuu akka nama kanaatti matumaa dubbatee hin beeku” jedhanii deebisan. Barumsa Yesuus baayʼee waan dinqisiifataniif isa qabuu hin dandeenye.a—Yohaannis 7:45, 46.
-
-
“Eenyu Iyyuu Akka Nama Kanaatti Matumaa Dubbatee hin Beeku”“Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
-
-
a Loltoonni kun loltoota yaaʼii Saanhedriiniif hojjetanii fi aangoo dura buutota lubootaa jala kan jiran taʼuu hin oolan.
-