-
Cidhawwan Waaqayyoofi Nama Biratti Ulfina QabanMasaraa Eegumsaa—2006 | Sadaasa 1
-
-
3. Yesus Qaanaa keessatti maalirratti gumaacha godhe?
3 Israa’eloonni gocha kana akka gaa’ela godhachuutti ykn akka cidhaatti fudhatu turan. Tarii sanaan booda akka Yohannis 2:1rratti ibsametti waamicha qopheessu ta’a. Macaafni Qulqulluu hedduun caqasa kana: “Qaanaa keessa cidhatu ture” jedhanii hiiku. Inni afaan isa jalqabaatiin hiikame garuu, “waamicha gaa’elaa” ykn “afeerrii cidhaa” jechuudhaan akka gaariitti kaa’eera.a (Maatewos 22:2-10; 25:10; Luqaas 14:8) Seenaansaa, Yesus qophii cidha nama Yihudii tokkorratti akka argameefi gammachuu namootaatiif gumaacha godhee akka ture ibsa. Haata’u malee, wanti bara sanatti gaa’ela ijaaruuf godhamu wanta yeroo ammaa baramerraa addadha.
-
-
Cidhawwan Waaqayyoofi Nama Biratti Ulfina QabanMasaraa Eegumsaa—2006 | Sadaasa 1
-
-
a Caqasni kun afaan jalqaba ittiin berreeffameen waamicha gaa’elaa wajjin walitti dhufeenya hin qabne argisiisuufis itti hojjetameera.—Asteer 9:22.
-