-
Yeroo Duunu Maal Taana?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
3. Haala warri duʼan keessatti argaman baradhu
Namoonni addunyaa maratti argaman erga duunee booda wanta nu irra gaʼu ilaalchisee ilaalcha garaa garaa qabu. Haa taʼu malee, ilaalchi isaanii kun hundi dhugaa taʼuu hin dandaʼu.
Haala namoonni duʼan keessa jiran ilaalchisee namoonni naannoo kee jiran maal jedhanii amanu?
Wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu beekuuf, VIIDIYICHA taphachiisaa.
Lallaba 3:20 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Akka caqasni kun jedhutti, namni tokko erga duʼee booda maal taʼa?
Caqasni kun namni tokko erga duʼee booda lubbuun ykn hafuurri isaa bakka kan biraa jiraachuu isaa akka itti fufu argisiisaa?
Kitaabni Qulqulluun waaʼee duʼa Alaazaar isa michuu Yesuus turee nutti hima. Yohaannis 11:11-14 yeroo dubbistanitti, haala Alaazaar keessa ture ilaalchisee wanta Yesuus jedhe hubachuuf yaalaa. Achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Yesuus duʼa maalii wajjin wal fakkeesse?
Kun hoo haala namoonni duʼan keessa jiran ilaalchisee maal nu barsiisa?
Duʼa ilaalchisee wanti Kitaabni Qulqulluun dubbatu sirrii sitti fakkaataa?
-
-
Michoonni Kee Duʼaan Dhabde Deebiʼanii Jiraachuu Dandaʼu!Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
4. Yesuus namoota duʼaa kaasuu akka dandaʼu mirkaneesseera
Yesuus michuu isaa Alaazaariif maal akka godhe caalaatti baradhu. Yohaannis 11:14, 38-44 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:
Alaazaar dhugumaan duʼee akka ture akkamitti beekna?—Lakkoofsa 39 ilaali.
Alaazaar gara samii dhaqeera utuu taʼee Yesuus gara lafaatti kan isa deebisu sitti fakkaataa?
-