-
Yesuus Eenyu?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
6. Waaʼee Yesuus barachuun nu fayyada
Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yesuusii fi gaʼee inni qabu barachuun barbaachisaa akka taʼe irra deddeebiʼee nu yaadachiisa. Yohaannis 14:6 fi 17:3 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:
Waaʼee Yesuus barachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
Yesuus michoota Waaqayyoo akka taanu karaa nuu baneera. Waaʼee Yihowaa dhugaa isaa barsiiseera, karaa isaas jireenya bara baraa argachuu dandeenya
-