-
Akka Dameewwaniitti Firii Godhachuu Fi Michuu Yesuus TaʼuuYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
Akkana jedhe: “Abbaan, damee ana irra jiruu fi firii hin godhanne hunda ni mura; damee firii godhatu hunda immoo firii hedduu akka godhatuuf ni qulqulleessa. . . . Akkuma dameen tokko muka wayiniitti maxxanee yoo jiraate malee ofuma isaatiin firii godhachuu hin dandeenye, isinis anaa wajjin tokkummaadhaan yoo jiraattan malee firii godhachuu hin dandeessan. Ani muka wayinii ti; isin immoo dameewwan isaa ti.”—Yohaannis 15:2-5.
-
-
Akka Dameewwaniitti Firii Godhachuu Fi Michuu Yesuus TaʼuuYesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya
-
-
Yesuus akkana jechuudhaan ibse: “Namni anaa wajjin tokkummaadhaan jiraatuu fi anis isaa wajjin tokkummaa qabu hundi firii hedduu ni godhata; sababiin isaas isin ana irraa gargar baatanii matumaa homaa gochuu hin dandeessan.” “Dameewwan” kun, jechuunis duuka buutonni isaa amanamoo taʼan fakkeenya amala Yesuus hordofuu, waaʼee Mootummaa Waaqayyoo warra kaanitti himuu, akkasumas namoota barattoota gochuudhaan firii godhachuu ni dandaʼu. Namni tokko Yesuusii wajjin tokkummaadhaan jiraachuu fi firii godhachuu yoo baate hoo? Yesuus, “Namni tokko anaa wajjin tokkummaadhaan hin jiraatu taanaan . . . gad gatama” jechuudhaan ibse. Karaa biraatiin immoo, “Anaa wajjin tokkummaadhaan yoo jiraattanii fi dubbiin koos isin keessa yoo jiraate, wanta barbaaddan kadhadhaa, innis isiniif ni raawwatama” jedhe.—Yohaannis 15:5-7.
-