-
Yihowaan Namoota ‘Jabaatanii Dhaabachuudhaan Firii Godhatan’ ni JaallataMasaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2018 | Caamsaa
-
-
7. (a) Muka wayinii “kan dhaabe” eenyu dha? Inni “muka wayinii isa dhugaa” taʼe hoo eenyu? “Dameewwan” kan jedhaman eenyufaʼi? (b) Gaaffii isa kamiif deebii argachuu barbaanna?
7 Yohaannis 15:1-5, 8 dubbisi. Yesuus ergamoota isaatiin, “Firii hedduu godhachuu keessan yoo itti fuftanii fi barattoota koo taʼuu keessan yoo mirkaneessitan, Abbaan koo kanaan ulfina ni argata” jedhee akka ture qalbeeffadhaa. Yesuus, muka wayinii sana “kan dhaabe” Yihowaa akka taʼe, inni immoo “muka wayinii isa dhugaa” taʼuu isaa fi barattoonni isaa immoo “dameewwan” akka taʼan dubbateera.b Maarree firiin duuka buutonni Kiristoos godhachuu qaban maali dha? Yesuus fakkeenya kana keessatti, firiin kun maal akka taʼe kallattiidhaan dubbachuu baatus, wanta deebii kanaa beekuuf nu gargaaru tokko dubbateera.
8. (a) Firiin fakkeenya kana keessatti ibsame barattoota haaraa kan argisiisu miti kan jennu maaliifi? (b) Wanta Yihowaan nu irraa eegu ilaalchisee dhugaan jiru maali dha?
8 Yesuus waaʼee Abbaa isaa yommuu dubbatu, “Damee ana irra jiruu fi firii hin godhanne hunda ni mura” jedheera. Karaa biraatiin, Yihowaan akka tajaajiltoota isaatti kan nu ilaalu yoo firii godhanne qofa dha. (Mat. 13:23; 21:43) Kanaaf, firiin fakkeenya kana keessatti ibsame firii Kiristiyaanonni hundi godhachuu qaban, namoota barattoota akka taʼan gargaarru kan argisiisu taʼuu hin dandaʼu. (Mat. 28:19) Taʼuu baannaan garuu, Dhugaa Baatonni amanamoon naannoo tajaajilaa deebii hin kennine keessatti waan lallabaniif, barattoota haaraa argachuu irratti isaaniif hin milkoofne, akka dameewwan firii hin godhannee fi Yesuus fakkeenya isaa keessatti ibsee taʼu. Haa taʼu malee, akkana jedhanii murteessuun sirrii miti! Maaliifi? Namoonni barattoota akka taʼan dirqisiisuu hin dandeenyu. Yihowaan jaalala qabeessa waan taʼeef, tajaajiltonni isaa wanta humna isaaniitii ol taʼe raawwachuu waan dadhabaniif gaʼumsa akka hin qabnetti isaan ilaala jechuun waan hin fakkaanne dha. Yihowaan yoom iyyuu wanta humna keenya ol taʼe nu irraa hin eegu.—Kes. 30:11-14.
9. (a) Sochii isa kam irratti hirmaachuudhaan firii godhachuu dandeenya? (b) Fakkeenya isa kam qorra? Maaliif?
9 Maarree firiin godhachuu qabnu maali dha? Firiin kun sochii hundi keenya gochuu dandeenyu kan argisiisu taʼuu akka qabu ifa dha. Yihowaan tajaajiltoota isaa hundaaf hojii akkamii kenneera? Hojii misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo labsuu isaaniif kenneera.c (Mat. 24:14) Fakkeenyi Yesuus waaʼee nama sanyii facaasu dubbate, xumura akkasii irra gaʼuuf nu gargaara. Mee fakkeenya isa lammaffaa kana haa qorru.
-
-
Yihowaan Namoota ‘Jabaatanii Dhaabachuudhaan Firii Godhatan’ ni JaallataMasaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2018 | Caamsaa
-
-
b Dameewwan fakkeenya kana keessatti ibsaman namoota jireenya samii argachuuf abdatan kan argisiisan taʼu illee, fakkeenyi kun barumsawwan tajaajiltoota Waaqayyo hunda fayyadan qabateera.
c ‘Firii godhachuun’ ‘firii hafuuraa’ horachuus kan argisiisu taʼu illee, mata duree kanaa fi isa itti aanu keessatti “firii hidhii keenyaa” ykn Mootummicha lallabuu irratti xiyyeeffanna.—Gal. 5:22, 23; Ibr. 13:15.
-