LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Siyaasaa fi Waraana Irratti Hirmaachuu Dhiisuun Maalfaa Dabalata?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • Barumsa 45. Obboleettiin shamarree taate tokko yeroo ijoolleen kaan biyya isaaniitiif ykn alaabaadhaaf amanamoo taʼan dhaadannoo dhageessisanitti kabajaan dhaabbattee jirti; garuu wanta isaan jedhan hin jettu ykn akka barattoota kaanii harka ishii laphee irra hin keenye.

      BARUMSA 45

      Siyaasaa fi Waraana Irratti Hirmaachuu Dhiisuun Maalfaa Dabalata?

      Yesuus duuka buutonni isaa ‘kutaa addunyaa taʼuu’ akka hin qabne barsiiseera. (Yohaannis 15:19) Kunis siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuu dabalata. Dhugaa dubbachuuf garuu akkas gochuun yeroo hundumaa salphaa miti. Sababa kanaan namoonni nutti qoosuu dandaʼu. Maarree siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuudhaan Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?

      1. Kiristiyaanonni dhugaan mootummoota ilmaan namootaatiif ilaalcha akkamii qabu?

      Kiristiyaanonni mootummaa ni kabaju. Akkuma Yesuus jedhe, “wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif” ni kennina; kana jechuun gibira kaffaluu dabalatee seera biyya keessa jiraannuuf ni ajajamna jechuu dha. (Maarqos 12:17) Kitaabni Qulqulluun mootummoonni ilmaan namootaa kan bulchan, Yihowaan waan isaanii heyyameef qofa akka taʼe dubbata. (Roomaa 13:1) Kanaafuu aangoon ilmaan namootaa qaban daangaa akka qabu ni hubanna. Rakkina ilmaan namootaa kan furu Waaqa keenyaa fi Mootummaa isaa isa samii akka taʼe ni amanna.

      2. Siyaasaa fi waraana irratti akka hin hirmaanne argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

      Nutis akkuma Yesuus siyaasa keessa hin gallu. Yesuus namoonni dinqiiwwan inni raawwate keessaa isa tokko arganii yommuu lafa irratti mootii isaanii akka taʼu gochuuf yaalanitti tole hin jenne. (Yohaannis 6:15) Maaliif? Sababiin isaas akkuma yeroo booda dubbate, “Mootummaan [isaa] kutaa addunyaa kanaa miti.” (Yohaannis 18:36) Nutis barattoota Yesuus waan taaneef, siyaasaa fi waraana irratti akka hin hirmaanne karaawwan hedduudhaan argisiisuu dandeenya. (Miikiyaas 4:3 dubbisi.) Mallattoolee biyyaalessaa kan akka alaabaa ni kabajna; garuu akka waaqeffannaatti waan ilaalamuuf kabaja adda taʼe hin kenninuuf. (1 Yohaannis 5:21) Kana malees, paartii siyaasaa ykn kaadhimamaa siyaasaa kam iyyuu hin deggerru ykn hin morminu. Karaawwan kanaa fi kan birootiin Mootummaa Waaqayyootiif guutummaatti amanamoo akka taane argisiisna.

      CAALAATTI BARADHU

      Haalawwan siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuun akka nutti ulfaatu godhan maalfaa akka taʼanii fi murtoo Yihowaa gammachiisu gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe qori.

      Nama siyaasa irraa walaba taʼe. Kaadhimamtoota siyaasaa wal mormanii fi uummataatti dubbachaa jiraniif xiyyeeffannaa hin.

      3. Kiristiyaanonni dhugaan siyaasaa fi waraana irratti hin hirmaatan

      Yesuusii fi duuka buutonni isaa fakkeenya nuuf taʼaniiru. Roomaa 13:1, 5-7 fi 1 Pheexiros 2:13, 14 dubbisaa. Achiis, VIIDIYICHA taphachiisaa, akkasumas gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Kiristiyaanonni Dhugaan Siyaasaa fi Waraana Irratti hin Hirmaatan—Kutaa 1 (4:28)

      • Abbootii taayitaa mootummaa kabajuu kan qabnu maaliifi?

      • Karaawwan akka isaaniif bitamnu argisiisuu itti dandeenyu keessaa tokko tokko kam faʼi?

      Yeroo waraanni kaʼu, mootummoonni tokko tokko siyaasaa fi waraana keessa akka hin galle kan dubbatan taʼus gama lamaaniifuu gargaarsa ni godhu. Garuu dhugumaan siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuu jechuun maal jechuu dha? Yohaannis 17:16 dubbisaa. Achiis, VIIDIYICHA taphachiisaa, akkasumas gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Kiristiyaanonni Dhugaan Siyaasaa fi Waraana Irratti hin Hirmaatan—Kutaa 2 (3:11)

      • Siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuu jechuun maal jechuu dha?

      Abbootiin taayitaa mootummaa wanta seera Waaqayyoo wajjin wal faallessu akka raawwannu yoo nu gaafatan maal gochuu qabna? Hojii Ergamootaa 5:28, 29 dubbisaa. Achiis, VIIDIYICHA taphachiisaa, akkasumas gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Kiristiyaanonni Dhugaan Siyaasaa fi Waraana Irratti hin Hirmaatan—Kutaa 3 (1:18)

      • Yeroo seerri namootaa seera Waaqayyoo wajjin wal faallessutti, eenyuuf ajajamuu qabna?

      • Kiristiyaanonni abbootii taayitaa mootummaatiif kan hin ajajamne yeroo akkamiitti?

      4. Yaadaanis taʼe gochaan siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu irraa of qusadhu

      Yohaannis Tokkoffaa 5:21 dubbisaa. Achiis, VIIDIYICHA taphachiisaa, akkasumas gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Kiristiyaanonni Dhugaan Ija Jabinni kan Isaan Barbaachisu Maaliifi?—Siyaasa Irraa Walaba Taʼanii Itti Fufuuf (2:49)

      • Ayeengeen miseensa paartii siyaasaa kan hin taane ykn ayyaana biyyaalessaa kan akka alaabaadhaaf kabaja addaa kennuu jiran irratti kan hin hirmaanne maaliifi?

      • Murtoo gaarii akka godhe sitti dhagaʼamaa?

      Haalawwan kan biroon siyaasaa fi waraana irratti akka hirmaannu nu qoruu dandaʼan kam faʼi? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Barumsa Masaraa Eegumsaa Irraa Argannu—Addunyaa Qoqqoodame Keessatti Siyaasa Irraa Walaba Taʼuu (5:16)

      • Dorgommii ispoortii biyyoolessaa irratti biyya isa tokko akka hin deggerre argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

      • Murtoon namoonni siyaasaa godhan kan nu miidhu ykn kan nu fayyadu yoo taʼe illee siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu irraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti?

      • Oduuwwan sabqunnamtiidhaan dhihaatan ykn michoonni keenya siyaasaa fi waraana irratti akka hirmaannu dhiibbaa nu irratti gochuu kan dandaʼan akkamitti?

      Fakkiiwwan: 1. Gareen namootaa aaran mallattoo qabatanii mormaa jiran. 2. Nama qophii ispoortii irratti alaabaa qabatee gammachuudhaan iyyaa jiru. 3. Barataan tokko biyyaa fi alaabaadhaaf amanamaa akka taʼe dhaadannoo dhageessisaa jira. 4. Loltuu meeshaa waraanaa ammayyaa qabate. 5. Kadhimamtoota siyaasaa wal falmaa jiran. 6. Dubartii filannoo irratti hirmaachaa jirtu.

      Kiristiyaanni tokko yaadaa fi gocha isaatiin siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu kan hin qabne haalawwan akkamii keessatti?

      NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Alaabaadhaaf kabaja addaa kan hin kennine ykn faaruu alaabaa kan hin faarfanne maaliifi?”

      • Maal jettee deebista?

      MAAL BARATTE?

      Kiristiyaanonni yaada, dubbii fi gocha isaaniitiin siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuuf carraaqqii guddaa godhu.

      Irra Deebii

      • Mootummoota ilmaan namootaatiif maal kennuu qabna?

      • Siyaasa keessa galuu kan hin qabne maaliifi?

      • Haalawwan siyaasaa fi waraana irratti akka hirmaannu nu qoruu dandaʼan kam faʼi?

      Galma

      QORANNOO DABALATAA GODHI

      Siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuuf aarsaawwan akkamii gochuun nu barbaachisuu dandaʼa?

      Yihowaan Matumaa Nu hin Gatu (3:14)

      Maatiiwwan qorumsa siyaasaa fi waraana irratti akka hirmaataniif isaan irra gaʼuuf dursanii qophaaʼuu kan dandaʼan akkamitti?

      Qophiiwwan Hawaasaa Irratti Addunyaa Irraa Walaba Taʼuu (4:25)

      Biyya tokkoof eegumsa gochuun kabaja guddaa namni tokko argachuu dandaʼu miti kan jennu maaliifi?

      “Waaqayyoof Wanti Hundi ni Dandaʼama” (5:19)

      Hojii ilaalchisee murtoo yommuu gootu kutaa addunyaa taʼuu dhiisuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ilaali.

      “Namni Adduma Addaan Waan Ofii Isaatii Baatu Qaba” (Masaraa Eegumsaa, Ebla 1, 2006)

  • Ariʼatama Sirra Gaʼu Dandamachuu ni Dandeessa
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • Oolee bulee Kiristiyaanonni hundi mormii ykn ariʼatamni isaan irra gaʼa. Maarree kun nu sodaachisuu qabaa?

      1. Ariʼatamni akka nu irra gaʼu eeguu kan qabnu maaliifi?

      Kitaabni Qulqulluun, “Namoonni Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan Waaqayyoof kan bulan taʼanii jiraachuu barbaadan hundi ni ariʼatamu” jechuudhaan ifatti dubbata. (2 Ximotewos 3:12) Yesuus kutaa addunyaa Seexanaa waan hin taaneef ariʼatamni isa irra gaʼeera. Nutis kutaa addunyaa waan hin taaneef, mootummoonni addunyaa kanaa fi dhaabbileen amantaa ariʼatama nu irraan geessisuun isaanii nu hin dinqisiisu.—Yohaannis 15:18, 19.

      2. Ariʼatamaaf qophaaʼuu kan dandeenyu akkamitti?

      Ammumaa kaasnee amanannaa Yihowaa irratti qabnu cimsachuu nu barbaachisa. Guyyaa guyyaadhaan kadhannaa Yihowaatti dhiheessuu fi Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf yeroo ramadi. Walgaʼii gumii irratti yeroo hundumaa argami. Wantoota kana hunda gochuun kee ariʼatama maatii kee irraa si irra gaʼu dabalatee, cimina ariʼatama si irra gaʼu kam iyyuu ija jabinaan dandamachuuf si gargaaru siif argamsiisa. Phaawulos ergamaan inni yeroo baayʼee ariʼatamni isa irra gaʼe, “Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu” jedhee barreesseera.—Ibroota 13:6.

      Yeroo hunda lallabuudhaanis ija jabinni keenya akka dabalu gochuu dandeenya. Lallabuun keenya Yihowaatti akka amanamnuu fi sodaa namootaa akka injifannu nu barsiisa. (Fakkeenya 29:25) Yeroo ammaatti ija jabina yoo qabaatte, mootummaan hojii keenya yoo dhorke illee lallabuun sitti hin ulfaatu.—1 Tasalonqee 2:2.

      3. Ariʼatama dandamachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

      Ariʼatamni nu irra gaʼuun isaa akka nu hin gammachiisne beekamaa dha, taʼus ariʼatama nu irra gaʼu yoo dandamanne amantiin keenya caalaatti cima. Yeroo humna keenyaa ol akka taʼe nutti dhagaʼamutti gargaarsa Yihowaa waan argannuuf caalaatti isatti dhihaanna. (Yaaqoob 1:2-4 dubbisi.) Rakkinni nu irra gaʼuun isaa Yihowaa kan gaddisiisu taʼus, rakkina sana dandamachuun keenya garuu isa gammachiisa. Kitaabni Qulqulluun, “Rakkina waan gaarii hojjechuu keessaniin kan kaʼe isin irra gaʼu yoo dandeessan, kun Waaqa kan gammachiisu dha” jedha. (1 Pheexiros 2:20) Amanamoo taanee yoo jiraanne, addunyaa haaraa keessatti jireenya bara baraa nuuf kennuudhaan nu badhaasa; namoonni yeroo sana jiraatan hundi Yihowaa waan tajaajilaniif namni isaan mormu tokko illee hin jiraatu.—Maatewos 24:13.

      CAALAATTI BARADHU

      Utuma ariʼatamni nu irra gaʼuu illee Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu dandeenya kan jennu maaliif akka taʼee fi Yihowaan akkamitti akka nu eebbisu baradhu.

      Warri ishii kan ishii morman taʼu illee shamarreen takka Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu deemaa jirti.

      4. Mormii maatii kee irraa si irra gaʼu dandamachuu ni dandeessa

      Yesuus miseensonni maatii keenyaa murtoo Yihowaa tajaajiluuf goone deggeruu dhiisuu akka dandaʼan beeka ture. Maatewos 10:34-36 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Miseensi maatii tokko Yihowaa tajaajiluuf yommuu filatu maaltu uumamuu dandaʼa?

      Kana ilaalchisee fakkeenya tokko ilaaluuf, VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Yihowaan Nu Simateera (5:13)

      • Firri kee ykn michuun kee tokko Yihowaa tajaajiluu irraa duubatti akka jettu gochuuf yoo yaale maal goota?

      Faarfannaa 27:10 fi Maarqos 10:29, 30 dubbisaa. Caqasoota kana erga dubbistanii booda, gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Abdiin caqasoota kana irra jiru maatii kee irraa ykn michoota kee irraa mormiin yoo si irra gaʼe kan si gargaaru akkamitti?

      5. Ariʼatamni si irra gaʼus Yihowaa waaqeffachuu kee itti fufi

      Yommuu warri kaan Yihowaa akka hin tajaajille nu dhorkuuf yaalanitti isa tajaajiluun ija jabina gaafata. VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Ariʼatamni Jiraatus Ija Jabina Argisiisuu (6:27)

      • Viidiyoo kana irraa barumsa nama jajjabeessu akkamii argatte?

      Hojii Ergamootaa 5:27-29 fi Ibroota 10:24, 25 dubbisaa. Caqasoota kana erga dubbistanii booda, gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Akka hin lallabne ykn akka walitti hin qabamne yoo dhorkamne illee Yihowaa waaqeffachuu keenya itti fufuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

      6. Yihowaan jabaattee akka dhaabbattu si gargaara

      Dhugaa Baatonni Yihowaa umurii garaa garaa fi akkaataa guddinaa garaa garaa qaban ariʼatamni isaan irra gaʼus amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu isaanii itti fufaniiru. Gama kanaan wanta isaan gargaare ilaaluuf, VIIDIYICHA taphachiisaa. Achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Yihowaan Na Jabeessa (3:40)

      • Akkuma viidiyoo kana irratti ibsame, Dhugaa Baatonni kun jabaatanii akka dhaabbatan kan isaan gargaare maali dha?

      Roomaa 8:35, 37-39 fi Filiphisiyus 4:13 dubbisaa. Caqasoota kana erga dubbistanii booda, gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Caqasni kun ariʼatama kam iyyuu dandamachuu akka dandeessu kan siif mirkaneessu akkamitti?

      Maatewos 5:10-12 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Utuma ariʼatamni si irra gaʼuu gammachuu qabaachuu kan dandeessu akkamitti?

      Dhugaa Baatota Yihowaa sababii amantii isaaniitiin ariʼatamni irra gaʼee fi hidhaman.

      Tajaajiltoonni Yihowaa miliyoonaan lakkaaʼaman mormii isaan irra gaʼu dandamataniiru. Atis dandamachuu ni dandeessa!

      NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Ani ariʼatama dandamachuu hin dandaʼu.”

      • Caqasoonni namoonni akkasii ariʼatama dandamachuu akka dandaʼan mirkanaaʼoo taʼuuf isaan gargaaran kam faʼi?

      MAAL BARATTE?

      Yihowaan carraaqqii utuma ariʼatamni nu irra gaʼuu isa tajaajiluuf goonuuf iddoo guddaa kenna. Gargaarsa isaatiin ariʼatama dandamachuu ni dandeenya!

      Irra Deebii

      • Kiristiyaanonni ariʼatamni akka isaan irra gaʼu eeguu kan qaban maaliifi?

      • Ariʼatamni yeroo si irra gaʼu dandamachuuf amma of qopheessuuf maal gochuu dandeessa?

      • Qorumsi akkamii iyyuu yoo si mudate, Yihowaa tajaajiluu akka dandeessu amanannaa qabaachuuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?

      Galma

      QORANNOO DABALATAA GODHI

      Obboleessi dargaggeessi tokko siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu diduu isaatiin yeroo hidhametti Yihowaan kan isa gargaare akkamitti akka taʼe yeroo dubbatu ilaali.

      Utuma Ariʼatamni Jiruu Jabaatanii Dhaabbachuu (2:34)

      Hiriyoonni gaaʼelaa tokko utuma ariʼatamni isaan irra gaʼuu, wanta amanamummaadhaan waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajiluu isaanii akka itti fufan isaan gargaare ilaali.

      Yeroo Jijjiiramni Nu Mudatu Yihowaa Tajaajiluu (7:11)

      Ija jabinaan ariʼatama akkamitti dandamachuu akka dandeessu baradhu.

      “Ariʼatamaaf Ammuma Qophaaʼaa” (Masaraa Eegumsaa, Adoolessa 2019)

      Mormii maatii irraa nu irra gaʼuuf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Haala rakkisaa inni fidu hoo dandamachuu kan dandeenyu akkamitti?

      “Dhugaan, ‘Goraadee Malee Nagaa Hin Fidu’” (Masaraa Eegumsaa, Onkoloolessa 2017)

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi