-
Waaqeffannaan Keenya Waaqayyoon Akka Gammachiisu Gochuu kan Dandeenyu Akkamitti?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
1. Waaqeffannaan keenya maal irratti kan hundaaʼe taʼuu qaba?
Waaqeffannaan keenya Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe taʼuu qaba. Yesuus, Waaqayyoodhaan, “Dubbiin kee dhugaa dha” jedheera. (Yohaannis 17:17) Amantaawwan tokko tokko dhugaa Kitaaba Qulqulluu isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame keessa jiruuf dantaa hin qaban. Dhugaa kana barumsawwanii fi aadaa namootaatiin bakka buusaniiru. Yihowaan garuu namoota ‘ajaja Waaqayyoo dhiisanitti’ ykn tuffatanitti hin gammadu. (Maarqos 7:9 dubbisi.) Faallaa kanaatiin garuu, waaqeffannaan keenya Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe akka taʼu yommuu goonuu fi gorsa isaa yommuu hordofnu isa gammachiisna.
-
-
Dhugaa Baatonni Yihowaa Kiristiyaanota Dhugaa Dhaa?Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
-
-
1. Amantiin Dhugaa Baatota Yihowaa maal irratti hundaaʼe?
Yesuus, “dubbiin [Waaqayyoo] dhugaa dha” jedheera. (Yohaannis 17:17) Dhugaa Baatonni Yihowaa akkuma Yesuus amantiin isaanii yeroo hundumaa Dubbii Waaqayyoo irratti kan hundaaʼe akka taʼu godhu. Fakkeenyaaf, seenaa Dhugaa Baatotaa Yihowaa kanaan dura Barattoota Kitaaba Qulqulluu jedhamanii haa ilaallu. Dhuma jaarraa 19ffaatti, gareen barattoota Kitaaba Qulqulluu tokko, Dubbii Waaqayyoo gad fageenyaan qorachuu jalqabe. Wanti itti amanan barumsa waldaalee kaanii irraa adda yeroo taʼutti illee, barumsi isaanii Kitaaba Qulqulluu irratti akka hundaaʼu godhaniiru. Achiis dhugaa Kitaaba Qulqulluu kana warra kaanitti himuu jalqaban.a
-