LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • Barumsa 31. Yesuus Kiristoos inni Mootii samii taʼe ulfina Yihowaa duratti dhihaatee.

      BARUMSA 31

      Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?

      Ergaan ijoo Kitaaba Qulqulluu Mootummaa Waaqayyoo wajjin kan wal qabate dha. Yihowaan Mootummaa kanatti fayyadamee lafti Jannata akka taatu godha. Mootummaan kun maali dha? Yeroo ammaatti bulchaa akka jiru akkamitti beekuu dandeenya? Hanga harʼaatti maal raawwateera? Gara fuulduraatti hoo maal raawwata? Barumsi kunii fi barumsawwan itti aanan lamaan gaaffiiwwan kanneeniif deebii kennu.

      1. Mootummaan Waaqayyoo maali dha? Mootiin isaa hoo eenyu?

      Mootummichi bulchiinsa Yihowaadhaan hundeeffame dha. Mootiin Mootummichaa Yesuus Kiristoosi; innis samii irra taaʼee bulcha. (Maatewos 4:17; Yohaannis 18:36) Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yesuus, “Inni . . . bara baraaf Mootii taʼee ni bulcha” jedha. (Luqaas 1:32, 33) Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo waan taʼeef, namoota guutummaa lafaa irra jiran irratti ni bulcha.

      2. Namoonni Yesuusii wajjin bulchan eenyu faʼi?

      Yesuus kan bulchu kophaa isaa miti. Namoonni, “gosa hundumaa keessaa, qooqa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, akkasumas saba hundumaa keessaa” filataman “mootota taʼanii . . . bulchu.” (Mulʼata 5:9, 10) Haa taʼu malee, namoonni Yesuusii wajjin bulchan namoota meeqa? Yesuus erga gara lafaa dhufee kaasee Kiristiyaanonni miliyoonaan lakkaaʼaman duuka buutota isaa taʼaniiru. Taʼus isaan keessaa gara samii dhaqanii Yesuusii wajjin kan bulchan namoota 144,000 taʼan qofa dha. (Mulʼata 14:1-4 dubbisi.) Kiristiyaanonni lafa irra jiraatan kaan hundi immoo lammiilee Mootummichaa taʼu.—Faarfannaa 37:29.

      3. Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsota ilmaan namootaa hundumaa irra kan caalu akkamitti?

      Bulchitoonni ilmaan namootaa wantoota gaggaarii raawwachuuf kan carraaqan taʼu illee, wanta barbaadan hunda raawwachuuf humna hin qaban. Bulchitoonni isaan booda dhufanis ofittoo fi namoota gargaaruu kan hin barbaanne taʼuu dandaʼu. Yesuus inni Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼe garuu, matumaa qaama kan biraatiin bakka hin buufamu. Waaqayyo, ‘mootummaa matumaa hin balleeffamne tokko hundeesseera.’ (Daaniʼel 2:44) Yesuus guutummaa lafaa bulcha, akkasumas nama kamiif iyyuu hin loogu. Inni jaalala qabeessa, garraamii fi haqa qabeessa dha, namoonnis jaalalaan, garraamummaa fi haqaan akka waliin jiraatan barsiisa.—Isaayyaas 11:9 dubbisi.

      CAALAATTI BARADHU

      Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa ilmaan namootaa kam irra iyyuu kan caalu maaliif akka taʼe baradhu.

      Yesuus Kiristoos teessoo isaa isa samii irra taaʼee lafa yommuu bulchu. Warri isaa wajjin bulchanis isa duuba taaʼanii jiru. Isaan duubaan ifni Yihowaa biraa ifaa jira.

      4. Mootummaan Waaqayyoo guutummaa lafaa bulcha

      Yesuus Kiristoos humna bulchaan seenaa keessatti bulche qabu kam irra iyyuu caalu qaba. Maatewos 28:18 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Aangoon Yesuus qabu aangoo ilmaan namootaa qaban kam irra iyyuu kan caalu akkamitti?

      Bulchitoonni ilmaan namootaa yeroo baayʼee ni jijjiiramu, kan bulchanis kutaa lafaa muraasa qofa dha. Mootummaan Waaqayyoo hoo? Daaniʼel 7:14 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Mootummaan Waaqayyoo ‘kan hin balleeffamne’ taʼuun isaa kan nu fayyadu akkamitti jettee yaadda?

      • Mootummaan Waaqayyoo guutummaa lafaa kan bulchu taʼuun isaa hoo kan nu fayyadu akkamitti?

      5. Bulchiinsi ilmaan namootaa bakka buufamuu qaba

      Bulchiinsi ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyootiin bakka buufamuu kan qabu maaliifi? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?—Gabaabfamee kan Fudhatame (1:41)

      • Bulchiinsi ilmaan namootaa maal geessiseera?

      Lallaba 8:9 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Bulchiinsi ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyootiin bakka buufamuu kan qabu sitti fakkaataa? Maaliif?

      6. Mootummaan Waaqayyoo bulchitoota nu hubachuu dandaʼan qaba

      Mootiin keenya Yesuus nama taʼee lafa irra waan jiraateef, “dadhabina keenyatti nuuf gadduu” ni dandaʼa. (Ibroota 4:15) Yihowaan dhiironnii fi dubartoonni amanamoon 144,000 taʼan Yesuusii wajjin akka bulchaniif, “gosa hundumaa keessaa, qooqa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, akkasumas saba hundumaa keessaa” filateera.—Mulʼata 5:9.

      • Yesuusii fi namoonni isaa wajjin bulchan hundi miira nutti dhagaʼamuu fi rakkina nu irra gaʼu kan hubatan taʼuun isaanii si jajjabeesseeraa? Maaliif?

      Dhiirotaa fi dubartoota dibamoo sanyii adda addaa taʼanii fi yeroo garaa garaatti jiraatan.

      Yihowaan namoonni gosaa fi akkaataa guddinaa hundumaa keessaa dhufan Yesuusii wajjin akka bulchan filateera

      7. Mootummaan Waaqayyoo seerawwan hundumaa irra caalan qaba

      Mootummoonni seerawwan lammiilee isaanii fayyadanii fi eegumsa isaaniif godhu jedhanii yaadan baasu. Mootummaan Waaqayyoos seerawwan lammiileen isaa hordofuu qaban qaba. Qorontos Tokkoffaa 6:9-11 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Yeroo namni hundi seera Waaqayyoo hordofutti addunyaan maal fakkaachuu dandaʼa jettee yaadda?a

      • Yihowaan lammiileen Mootummichaa seera isaa akka hordofan isaan irraa eeguun isaa sirrii sitti fakkaataa? Maaliif?

      • Namoonni seerawwan kanneeniif hin ajajamne jijjiiramuu akka dandaʼan kan argisiisu maali dha?—Lakkoofsa 11 ilaali.

      Tiraafiikiin tokko daandii konkolaataan itti baayʼatu irratti konkolaataa yommuu dhaabsisu. Namoonni umurii garaa garaa irra jiran karicha irra yommuu qaxxaamuran.

      Mootummoonni seerawwan lammiilee isaaniitiif eegumsa godhanii fi fayyadan baasu. Mootummaan Waaqayyoos seerawwan ol aanoo lammiilee isaatiif eegumsa godhanii fi fayyadan qaba

      NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Mootummaan Waaqayyoo maali dha?”

      • Maal jettee deebista?

      MAAL BARATTE?

      Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa dhugumaan jiruu fi samii irraa guutummaa lafaa bulchu dha.

      Irra Deebii

      • Bulchitoonni Mootummaa Waaqayyoo eenyu faʼi?

      • Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa ilmaan namootaa kam irra iyyuu kan caalu akkamitti?

      • Wantoonni Yihowaan lammiilee Mootummichaa irraa eegu tokko tokko kam faʼi?

      Galma

      QORANNOO DABALATAA GODHI

      Bakka Mootummichi itti argamu ilaalchisee wanta Yesuus barsiise dubbisi.

      “Mootummaan Waaqayyoo Garaa Namootaa Keessa Jiraa?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

      Dhugaa Baatonni Yihowaa bulchiinsa ilmaan namootaatiif amanamoo taʼuu irra Mootummaa Waaqayyootiif amanamoo taʼuu kan filatan maaliifi?

      Mootummaa Waaqayyoo Deggeraniiru (1:43)

      Kitaabni Qulqulluun waaʼee namoota 144,000 taʼanii fi Yihowaan Yesuusii wajjin akka bulchaniif filatee maal akka jedhu qori.

      “Gara Samii kan Deeman Eenyu Faʼi?” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

      Dubartiin mana hidhaa keessa turte addunyaa irratti haqa fiduu kan dandaʼu Waaqayyo qofa taʼuu isaa akka amantu kan ishii taasise maali dha?

      “Gaaffiin Jalʼina Haqaa Ilaalchisee Qabuuf Deebiin Argadhe” (Dammaqaa!, Sadaasa 2011)

      a Kutaa 3⁠ffaa keessatti seerawwan Waaqayyoo kanneen keessaa tokko tokko irratti mariʼanna.

  • Siyaasaa fi Waraana Irratti Hirmaachuu Dhiisuun Maalfaa Dabalata?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • Barumsa 45. Obboleettiin shamarree taate tokko yeroo ijoolleen kaan biyya isaaniitiif ykn alaabaadhaaf amanamoo taʼan dhaadannoo dhageessisanitti kabajaan dhaabbattee jirti; garuu wanta isaan jedhan hin jettu ykn akka barattoota kaanii harka ishii laphee irra hin keenye.

      BARUMSA 45

      Siyaasaa fi Waraana Irratti Hirmaachuu Dhiisuun Maalfaa Dabalata?

      Yesuus duuka buutonni isaa ‘kutaa addunyaa taʼuu’ akka hin qabne barsiiseera. (Yohaannis 15:19) Kunis siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuu dabalata. Dhugaa dubbachuuf garuu akkas gochuun yeroo hundumaa salphaa miti. Sababa kanaan namoonni nutti qoosuu dandaʼu. Maarree siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuudhaan Yihowaadhaaf amanamoo taanee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?

      1. Kiristiyaanonni dhugaan mootummoota ilmaan namootaatiif ilaalcha akkamii qabu?

      Kiristiyaanonni mootummaa ni kabaju. Akkuma Yesuus jedhe, “wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif” ni kennina; kana jechuun gibira kaffaluu dabalatee seera biyya keessa jiraannuuf ni ajajamna jechuu dha. (Maarqos 12:17) Kitaabni Qulqulluun mootummoonni ilmaan namootaa kan bulchan, Yihowaan waan isaanii heyyameef qofa akka taʼe dubbata. (Roomaa 13:1) Kanaafuu aangoon ilmaan namootaa qaban daangaa akka qabu ni hubanna. Rakkina ilmaan namootaa kan furu Waaqa keenyaa fi Mootummaa isaa isa samii akka taʼe ni amanna.

      2. Siyaasaa fi waraana irratti akka hin hirmaanne argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

      Nutis akkuma Yesuus siyaasa keessa hin gallu. Yesuus namoonni dinqiiwwan inni raawwate keessaa isa tokko arganii yommuu lafa irratti mootii isaanii akka taʼu gochuuf yaalanitti tole hin jenne. (Yohaannis 6:15) Maaliif? Sababiin isaas akkuma yeroo booda dubbate, “Mootummaan [isaa] kutaa addunyaa kanaa miti.” (Yohaannis 18:36) Nutis barattoota Yesuus waan taaneef, siyaasaa fi waraana irratti akka hin hirmaanne karaawwan hedduudhaan argisiisuu dandeenya. (Miikiyaas 4:3 dubbisi.) Mallattoolee biyyaalessaa kan akka alaabaa ni kabajna; garuu akka waaqeffannaatti waan ilaalamuuf kabaja adda taʼe hin kenninuuf. (1 Yohaannis 5:21) Kana malees, paartii siyaasaa ykn kaadhimamaa siyaasaa kam iyyuu hin deggerru ykn hin morminu. Karaawwan kanaa fi kan birootiin Mootummaa Waaqayyootiif guutummaatti amanamoo akka taane argisiisna.

      CAALAATTI BARADHU

      Haalawwan siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuun akka nutti ulfaatu godhan maalfaa akka taʼanii fi murtoo Yihowaa gammachiisu gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe qori.

      Nama siyaasa irraa walaba taʼe. Kaadhimamtoota siyaasaa wal mormanii fi uummataatti dubbachaa jiraniif xiyyeeffannaa hin.

      3. Kiristiyaanonni dhugaan siyaasaa fi waraana irratti hin hirmaatan

      Yesuusii fi duuka buutonni isaa fakkeenya nuuf taʼaniiru. Roomaa 13:1, 5-7 fi 1 Pheexiros 2:13, 14 dubbisaa. Achiis, VIIDIYICHA taphachiisaa, akkasumas gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Kiristiyaanonni Dhugaan Siyaasaa fi Waraana Irratti hin Hirmaatan—Kutaa 1 (4:28)

      • Abbootii taayitaa mootummaa kabajuu kan qabnu maaliifi?

      • Karaawwan akka isaaniif bitamnu argisiisuu itti dandeenyu keessaa tokko tokko kam faʼi?

      Yeroo waraanni kaʼu, mootummoonni tokko tokko siyaasaa fi waraana keessa akka hin galle kan dubbatan taʼus gama lamaaniifuu gargaarsa ni godhu. Garuu dhugumaan siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuu jechuun maal jechuu dha? Yohaannis 17:16 dubbisaa. Achiis, VIIDIYICHA taphachiisaa, akkasumas gaaffii armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Kiristiyaanonni Dhugaan Siyaasaa fi Waraana Irratti hin Hirmaatan—Kutaa 2 (3:11)

      • Siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuu jechuun maal jechuu dha?

      Abbootiin taayitaa mootummaa wanta seera Waaqayyoo wajjin wal faallessu akka raawwannu yoo nu gaafatan maal gochuu qabna? Hojii Ergamootaa 5:28, 29 dubbisaa. Achiis, VIIDIYICHA taphachiisaa, akkasumas gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Kiristiyaanonni Dhugaan Siyaasaa fi Waraana Irratti hin Hirmaatan—Kutaa 3 (1:18)

      • Yeroo seerri namootaa seera Waaqayyoo wajjin wal faallessutti, eenyuuf ajajamuu qabna?

      • Kiristiyaanonni abbootii taayitaa mootummaatiif kan hin ajajamne yeroo akkamiitti?

      4. Yaadaanis taʼe gochaan siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu irraa of qusadhu

      Yohaannis Tokkoffaa 5:21 dubbisaa. Achiis, VIIDIYICHA taphachiisaa, akkasumas gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Kiristiyaanonni Dhugaan Ija Jabinni kan Isaan Barbaachisu Maaliifi?—Siyaasa Irraa Walaba Taʼanii Itti Fufuuf (2:49)

      • Ayeengeen miseensa paartii siyaasaa kan hin taane ykn ayyaana biyyaalessaa kan akka alaabaadhaaf kabaja addaa kennuu jiran irratti kan hin hirmaanne maaliifi?

      • Murtoo gaarii akka godhe sitti dhagaʼamaa?

      Haalawwan kan biroon siyaasaa fi waraana irratti akka hirmaannu nu qoruu dandaʼan kam faʼi? VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Barumsa Masaraa Eegumsaa Irraa Argannu—Addunyaa Qoqqoodame Keessatti Siyaasa Irraa Walaba Taʼuu (5:16)

      • Dorgommii ispoortii biyyoolessaa irratti biyya isa tokko akka hin deggerre argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

      • Murtoon namoonni siyaasaa godhan kan nu miidhu ykn kan nu fayyadu yoo taʼe illee siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu irraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti?

      • Oduuwwan sabqunnamtiidhaan dhihaatan ykn michoonni keenya siyaasaa fi waraana irratti akka hirmaannu dhiibbaa nu irratti gochuu kan dandaʼan akkamitti?

      Fakkiiwwan: 1. Gareen namootaa aaran mallattoo qabatanii mormaa jiran. 2. Nama qophii ispoortii irratti alaabaa qabatee gammachuudhaan iyyaa jiru. 3. Barataan tokko biyyaa fi alaabaadhaaf amanamaa akka taʼe dhaadannoo dhageessisaa jira. 4. Loltuu meeshaa waraanaa ammayyaa qabate. 5. Kadhimamtoota siyaasaa wal falmaa jiran. 6. Dubartii filannoo irratti hirmaachaa jirtu.

      Kiristiyaanni tokko yaadaa fi gocha isaatiin siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu kan hin qabne haalawwan akkamii keessatti?

      NAMNI TOKKO AKKANA JEDHEE SI GAAFATA TAʼA: “Alaabaadhaaf kabaja addaa kan hin kennine ykn faaruu alaabaa kan hin faarfanne maaliifi?”

      • Maal jettee deebista?

      MAAL BARATTE?

      Kiristiyaanonni yaada, dubbii fi gocha isaaniitiin siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuuf carraaqqii guddaa godhu.

      Irra Deebii

      • Mootummoota ilmaan namootaatiif maal kennuu qabna?

      • Siyaasa keessa galuu kan hin qabne maaliifi?

      • Haalawwan siyaasaa fi waraana irratti akka hirmaannu nu qoruu dandaʼan kam faʼi?

      Galma

      QORANNOO DABALATAA GODHI

      Siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu dhiisuuf aarsaawwan akkamii gochuun nu barbaachisuu dandaʼa?

      Yihowaan Matumaa Nu hin Gatu (3:14)

      Maatiiwwan qorumsa siyaasaa fi waraana irratti akka hirmaataniif isaan irra gaʼuuf dursanii qophaaʼuu kan dandaʼan akkamitti?

      Qophiiwwan Hawaasaa Irratti Addunyaa Irraa Walaba Taʼuu (4:25)

      Biyya tokkoof eegumsa gochuun kabaja guddaa namni tokko argachuu dandaʼu miti kan jennu maaliifi?

      “Waaqayyoof Wanti Hundi ni Dandaʼama” (5:19)

      Hojii ilaalchisee murtoo yommuu gootu kutaa addunyaa taʼuu dhiisuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ilaali.

      “Namni Adduma Addaan Waan Ofii Isaatii Baatu Qaba” (Masaraa Eegumsaa, Ebla 1, 2006)

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi