LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Namaafmoo Waaqayyoof Abboomamtu?
    Masaraa Eegumsaa—2006 | Amajjii 1
    • 7. Hojiin lallabaa angafoota lubootaa kan aarse maaliif ture?

      7 Ergamoonni lallabuusaanii itti fufuuf murteessuunsaanii angafoota lubootaa aarseera. Qayyaafaa dabalatee, luboonni tokko tokko Saduqoota waan turaniif abdii du’aa ka’uutti hin amanan turan. (Hojii Ergamootaa 4:1, 2; 5:17) Ta’us, ergamoonni Yesus du’aa ka’uusaa irra deddeebi’anii dubbachaa turan. Kana malees, angafoonni lubootaa bulchitoota biyya Roomaa biratti fudhatama argachuuf baay’ee dhama’aniiru. Yeroo Yesus firdiitti dhihaateefi, yeroo Philaaxos Yesusiin mootiisaanii godhanii akka simataniif carraa isaaniif kennetti angafoonni lubootaa “Nuyi Qeesaar mootii warra Roomaa malee mootii hin qabnu” jedhanii deebisaniiru. (Yohannis 19:15)a Ergamoonnimmoo, Yesus du’aa ka’uusaa qofa utuu hin ta’in, “maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta’u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne” jedhanii barsiisu turan. (Hojii Ergamootaa 2:36; 4:12) Luboonni, namoonni bulchaan keenya Yesusidha yoo jedhan, warri Roomaa dhufanii ‘biyya keenyaafi saba keenya’ fudhatu jedhanii sodaatanii turan.—Yohannis 11:48.

  • Namaafmoo Waaqayyoof Abboomamtu?
    Masaraa Eegumsaa—2006 | Amajjii 1
    • a “Qeesaar” inni angafoonni lubootaa deggaran sun, Xiberiyos bulchaa biyya Roomaa isa jibbamaa, isa of hin argineefi isa namoota ajjeesaa turedha. Xiberiyos nama seeraan ala saalqunnamtii raawwachuudhaanis beekamu ture.—Daani’el 11:15, 21.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi