LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ‘Yesuus Hamma Dhumaatti Isaan Jaallate’
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
    • 9 Yesuus guyyaa duʼetti, michummaan duuka buutonnisaa Yihowaa wajjin qaban akka isa yaaddessu argisiiseera. Mee haala armaan gadiirratti yaadi: Yesuus mukarratti fannifamee dhiphachaa jira. Yeroo hafuura fudhatu miilasaa gadi dhiibuudhaan qaamasaa ol harkisuun isa barbaachisa. Yeroo kanatti mismaarri qaamasaa baate madaa miilasaarra jiru caalaatti waan tarsaasuuf, akkasumas dugdisaa inni madaaʼe mukichatti waan rigamuuf, dhukkubbii cimaan akka isatti dhagaʼamu beekamaadha. Yeroo akkasiitti hafuura fudhachuunis taʼe dubbachuun salphaa akka hin taanee fi baayʼee akka nama dhukkubsu ifadha. Taʼus, Yesuus yeroo duʼuuf jedhu sanatti wanta haadhasaa Maariyaamiif jaalala guddaa akka qabu argisiisu dubbateera. Yesuus, Maariyaamii fi Yohaannis ergamaan naannoo sana dhaabbatanii yeroo argetti, akka isa dhagaʼaniif sagaleesaa ol kaasee jalqaba Maariyaamiin, “Dubartii nana, ilaa ilma kee!” jedhe. Achiis Yohaannisiin, “Ilaa, haadha tee!” jedhe. (Yohaannis 19:26, 27) Yesuus, ergamaan amanamaan kun karaa qaamaa qofa utuu hin taʼin, karaa hafuuraas wanta ishee barbaachisu akka isheedhaaf guutu beeka ture.b

  • ‘Yesuus Hamma Dhumaatti Isaan Jaallate’
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
    • b Yeroo kanatti Maariyaam dubartii abbaan manaa irraa duʼe taʼuu hin ooltu; ijoolleenshee kaanimmoo barattoota Yesuus hin turre.—Yohaannis 7:5.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi