-
“Kanaafan Ergame”“Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
-
-
19, 20. Yesuus hojiin lallabaa ariifachiisaa taʼuusaa fakkeenyaan kan ibse akkamitti?
19 Sadaffaa, Yesuus tajaajillisaa ariifachiisaa akka taʼe isatti dhagaʼameera. Marii dubartii biyya Samaariyaa sanaa wajjin godhe yaadadhu. Ergamoonni Yesuus haala akkasii keessatti misiraachicha warra kaanitti himuun barbaachisaa akka taʼe akka isaanitti hin dhagaʼamne ifadha. Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Isin makarri gaʼuuf jiʼa afurtu hafa jettu mitii? Kunoo, ani isiniin nan jedha, ija keessan ol kaasaatii maasicha ilaalaa; inni addaatee haamaadhaaf gaʼeera.”—Yohaannis 4:35.
20 Yesuus akkas kan jedhe waqtii haamaa sammuutti qabateeti. Haalasaarraa hubachuun akka dandaʼamutti jiini kun jiʼa Kiisluu (Sadaasa/Muddee) ture. Haamaan garbuu kan jalqabu, jiʼa afur booda, jechuunis naannoo Ayyaana Faasikaa isa Niisaan 14tti kabajamuttidha. Kanaaf, qonnaan bultoonni yeroo sanatti waaʼeen haamaa isaan hin yaaddessu ture. Ammayyuu yeroo dheeraa qabu. Hojiin namoota sassaabuuhoo ariifachiisaa turee? Eeyyee, namoonni hedduun dhagaʼuuf, barachuuf, akkasumas barattoota Kiristoos taʼuu fi abdii dinqisiisaa Yihowaan isaaniif qopheesse argachuuf qophaaʼoo turan. Yesuus namoota kana yeroo ilaalu, maasii midhaan addaatee haamaadhaaf gaʼee fi qilleensaan asiif achi raafamu keessa guute yaadaan ilaalaa ture.c Namoonni sun misiraachicha dhagaʼuuf qophaaʼoo waan turaniif, hojichi ariifachiisaa ture. Kanaan kan kaʼes, Yesuus namoonni magaalaa tokkoo isaan bira akka turu gochuuf yommuu yaalanitti, “Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo magaalota kaanittis lallabuun qaba; sababiin isaas, ani kanaafan ergame” isaaniin jedheera.—Luqaas 4:43.
-
-
“Kanaafan Ergame”“Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
-
-
c Barreeffamni tokko caqasa kana ilaalchisee akkana jedheera: “Midhaan yeroo haamaadhaaf gaʼu bifa magariisaarraa gara bifa keellootti ykn daalachaatti jijjiirama; kunis haamaadhaaf akka gaʼe argisiisa.”
-