-
“Dhugaa Baatota Koo ni Taatu”Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
-
-
14, 15. (a) Yeroo Kiristoos itti deebiʼu ilaalchisee maleekonni maal jedhan? Wanti isaan dubbatan kunoo hiika akkamii qaba? (Miiljalees ilaali.) (b) Yesuus kan deebiʼe “haaluma” deeme ‘sanaan’ akka taʼe akkamitti beekna?
14 Akkuma seensa boqonnaa kanaarratti ibsame, Yesuus lafarraa ol kaʼuudhaan ijasaanii jalaa dhokateera. Taʼus, ergamoonni 11 achi turan gara samii ilaaluusaanii itti fufanii turan. Dhuma irrattis, maleekonni lama isaanitti mulʼatanii gaarummaadhaan gorsa akkana jedhu isaaniif kennan: “Yaa namoota Galiilaa, maaliif dhaabbattanii gara samii ilaaltu? Yesuus inni isin biraa gara samiitti fudhatame kun, haaluma yommuu inni gara samiitti ol baʼu argitan kanaan deebiʼee ni dhufa.” (HoE. 1:11) Maleekonni kun akkuma dhaabbileen amantaa tokko tokko barsiisanitti Yesuus qaamuma sanaan deebiʼee dhufa jechuu isaaniitii? Lakki, akkas jechuu isaanii miti. Kana akkamitti beekuu dandeenya?
15 Maleekonni kun Yesuus qaamuma sanaan utuu hin taʼin, “haaluma . . kanaan”b akka dhufu dubbatan. Haala kamiin isaanirraa adda baʼe? Yeroo maleekonni isaan haasofsiisanitti Yesuus ijasaanii jalaa dhokatee ture. Yesuus gara samii Abbaa isaa bira akka deeme kan hubatan dhiirota muraasa, jechuunis ergamootasaa qofa turan. Kiristoos kan deebiʼu haaluma walfakkaatu kanaani. Wanti taʼes kanuma. Yeroo harʼaattis, Yesuus aangoo Mootummaasaatiin akka deebiʼe kan hubatan namoota hubannaa hafuuraa qaban qofadha. (Luq. 17:20) Ragaa Yesuus argamuusaa argisiisu hubachuu fi warri kaanis yeroo baayʼee ariifachiisaa keessa akka jirru akka hubataniif ragaawwan kana isaanitti himuu qabna.
-
-
“Dhugaa Baatota Koo ni Taatu”Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
-
-
b Asirratti Kitaabni Qulqulluun jecha Afaan Giriikii tiroopos jedhamuu fi haala argisiisu fayyadame malee, jecha morfee jedhuu fi boca ykn qaama argisiisuu dandaʼu hin fayyadamne.
-