-
‘Waaqayyo hin Loogu’Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
-
-
1-3. Pheexiros mulʼata akkamii arge? Hiika mulʼata kanaa beekuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
YEROONSAA Dh.K.B. bara 36dha. Pheexiros baaxii mana, magaalaa Yoophee ishii qarqara galaanaatti argamtu tokkoo irratti kadhachaa jira. Aduun arfaasaa isa hoʼisaa jira. Keessummummaadhaan mana kana erga buufatee guyyoonni muraasni darbaniiru. Mana kana buufachuunsaa hamma tokko jibba halaalaa akka hin qabne argisiisa. Abbaan mana kanaa Simiʼoon isa gogaa duugu siʼa taʼu, Yihudoonnimmoo mana nama akkasii hin seenan.a Taʼus, ammayyuu Pheexiros Yihowaan waaqa hin loogne taʼuusaa barumsa barbaachisaa barachuuf jedha.
-
-
‘Waaqayyo hin Loogu’Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
-
-
a Yihudoonni tokko tokko nama gogaa duugu ni tuffatu, sababiin isaas hojiin isaa kun gogaa beeladoota duʼanii, akkasumas wantoota foolii qabanii fi hojii kanaaf isa barbaachisanii wajjin akka wal tuttuqu godha. Namoonni gogaa duugan Mana Qulqullummaa dhaquuf gaʼumsa akka hin qabnetti ilaalamu, bakki hojii isaaniis yoo xinnaate magaalaa irraa meetira 20 fagaachuu qaba ture. Manni Simiʼoon “qarqara galaanaa” kan taʼe kanaaf taʼuu dandaʼa.—HoE. 10:6.
-