-
1 | Loogii Irraa FagaadhuMasaraa Eegumsaa (Sabaa)—2022 | Lakk. 1
-
-
Barumsa Kitaaba Qulqulluu:
“Waaqayyo [hin loogu]; kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.”—HOJII ERGAMOOTAA 10:34, 35.
Maal Jechuu Dha?
Yihowaana lammummaa, sanyii, bifa ykn aadaa keenya irratti hundaaʼuudhaan nutti hin murteessu. Kanaa mannaa, wanta keessa keenya jiru irratti xiyyeeffata. Kitaabni Qulqulluun, “Namni wanta alaan mulʼatu ilaala; Yihowaan garuu garaa namaa ilaala” jedha.—1 Saamuʼel 16:7.
-