LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 | Loogii Irraa Fagaadhu
    Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2022 | Lakk. 1
    • Barumsa Kitaaba Qulqulluu:

      “Waaqayyo [hin loogu]; kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.”—HOJII ERGAMOOTAA 10:34, 35.

      Maal Jechuu Dha?

      Yihowaana lammummaa, sanyii, bifa ykn aadaa keenya irratti hundaaʼuudhaan nutti hin murteessu. Kanaa mannaa, wanta keessa keenya jiru irratti xiyyeeffata. Kitaabni Qulqulluun, “Namni wanta alaan mulʼatu ilaala; Yihowaan garuu garaa namaa ilaala” jedha.—1 Saamuʼel 16:7.

  • 1 | Loogii Irraa Fagaadhu
    Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2022 | Lakk. 1
    • Jalqaba irratti Taayitas jibba garaa isaa keessa jiru balleessuun isatti ulfaatee ture. “Akkaataan itti yaaduu fi gocha koo irratti jijjiirama gochuun natti ulfaatee ture” jedheera. Taʼus, yaanni Hojii Ergamootaa 10:34, 35 irratti argamuu fi Waaqayyo namoota akka wal hin caalchisne dubbatu isa gargaareera.

      Maarree buʼaan isaa maal ture? Akkana jedheera: “Dhugaa Baatonni Yihowaa sanyii fi bifti isaanii garaa gara taʼus, jaalala akka waliif qaban hubachuun koo, amantaa dhugaa akka hordofan na amansiiseera. Cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu koo dura illee, obboleessi adiin tokko mana isaatti nyaata na affeereera. Kana amanuun baayʼee natti ulfaatee ture. Sana dura nama adii wajjin nyaata nyaachuu mitii wajjin taaʼee nagaadhaan haasaʼee iyyuu hin beeku. Amma garuu kutaa maatii obbolummaa addunyaa maraa taʼeera.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi