-
‘Waaqayyo hin Loogu’Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
-
-
22, 23. Obboloonni Anxokiyaa jiran obboloota isaanii akka jaallatan kan argisiisan akkamitti? Sabni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiranoo akkasuma gochaa kan jiran akkamitti?
22 “Barattoonni qajeelfama Waaqayyootiin yeroo jalqabaatiif ‘Kiristiyaanota’ kan jedhaman” Anxokiyaa keessatti ture. (HoE. 11:26b) Maqaan Waaqayyo isaaniif kenne kun warra fakkeenya Kiristoos hordofuu barbaadaniif kan taʼu ture. Saboonni kaan Kiristiyaanota yommuu taʼanitti isaanii fi Yihudoota gidduutti hariiroo gaariin uumameeraa? Mee Dh.K.B. naannoo bara 46 yeroo beelli buʼetti wanta taʼe haa ilaallu.e Bara duriitti yeroo beelli buʼu hiyyeessonni qarshii hin kaaʼanne ykn nyaata irraa hafaa hin qabne ni hubamu turan. Yeroo beelli kun buʼetti Yihudoonni Kiristiyaana taʼanii fi Yihudaa keessa jiraatan hedduun hiyyeeyyii waan taʼaniif gargaarsi isaan barbaachisa ture. Kiristiyaanota Yihudii hin taane dabalatee obboloonni Anxokiyaa jiran rakkina isaanii kana waan hubataniif “Obboloota Yihudaa keessa jiraataniif gargaarsa” ergan. (HoE. 11:29) Eeyyee, obbolootaa fi obboleettota isaaniif garaadhaa akka yaadan argisiisaniiru!
-
-
‘Waaqayyo hin Loogu’Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
-
-
e Barreessaan seenaa Yihudootaa Joseefas ‘beelli guddaan’ kun bara bulchiinsa Mooticha Qalaawudewositti (Dh.K.B. bara 41-54) akka gaʼe ibseera.
-