-
‘Aangoo Yihowaa Biraa Argataniin Ija Jabinaan Dubbatan’Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
-
-
8. Phaawulosii fi Barnaabaas Iqooniyumiin dhiisanii kan deeman maaliif ture? Nutoo fakkeenya isaaniirraa maal baranna?
8 Yeroo muraasa booda, mormitoonni Iqoniyum keessa jiran Phaawulosii fi Barnaabaasiin dhagaadhaan tumuuf karoorfatan. Misiyoononni kun karoora isaanii kana yommuu beekan naannoo tajaajilaa itti lallabuu dandaʼan kan biraa deeman. (HoE. 14:5-7) Yeroo harʼaattis labsitoonni Mootummichaa murtoo hubannaa irratti hundaaʼe akkasii godhu. Yeroo namoonni waaʼee keenya ykn waaʼee ergaa keenyaa wanta hamaa dubbatanitti ija jabinaan lallabuu keenya itti fufna. (Filp. 1:7; 1 Phe. 3:13-15) Yommuu namoonni haleellaa geessisuuf yaalanitti garuu gocha gowwummaa lubbuu keenya ykn lubbuu obboloota keenyaa balaadhaaf saaxilu raawwachuurraa ni fagaanna.—Fak. 22:3.
-