LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Inni ‘Garaa Keenya Ni Guuta’
    Masaraa Eegumsaa—2013 | Onkoloolessa 1
    • Dhuguma Yihowaan waa’ee keenya ni yaadamoo, rakkinni nurra ga’u homaa isa hin yaaddessu? Deebiin Macaafni Qulqulluun gaaffii kanaaf kennu kan nama gammachiisudha. Waaqayyo waa’ee ilmaan namootaa kan yaadu ta’uusaarrayyuu, jireenyatti akka gammadan ni barbaada. Namoota isa hin galateeffanne hedduu dabalatee, namoonni hundi gaarummaasaa isa hangana hin jedhamnerraa guyyaa guyyaadhaan akka fayyadaman heyyameera. Yaada Phaawulos ergamaan dubbate hubadhu.​—Hojii Ergamootaa 14:16, 17 dubbisi.

      Phaawulos namoota magaalaa Lisxiraa keessa jiraataniifi Waaqayyoon hin waaqeffanneen akkas jedhee ture: “Bara dhaloota darbaniitti [Waaqayyo] sabni biyya lafaa irraa hundinuu karaa isaanii haa adeemaniif isaan dhiise. Haa ta’u iyyuu malee, waaqa irraa bokkaa isiniif roobsee, ija midhaaniis yeroo isaatti guuttachiise. Soora isiniif kennee garaa keessanis gammachuudhaan guute; waan gaarii kana hundumaa gochuu isaatiinis gooftummaa isaa mul’iseera [‘dhugaa malee of hin dhiifne,’ hiika bara 1899].” Namoota Phaawulosiin dhaggeeffachaa turaniif yaanni kun ergaa akkamii dabarsa?

  • Inni ‘Garaa Keenya Ni Guuta’
    Masaraa Eegumsaa—2013 | Onkoloolessa 1
    • Yihowaan mirga filannaa nuu kenneera. Yihowaan namoonni hundi “karaa isaanii haa adeemaniif” akka isaanii heyyame hubadhu. Barreeffamni namoota Macaafa Qulqulluu hiikaniif qophaa’e tokko, ibsi kun “akka fedhanitti akka deeman” ykn “wanta ofiisaaniitiin gaarii akka ta’e yaadan akka godhan” jechuu ta’uu akka danda’u dubbata. Yihowaan akka isa waaqessu eenyuuniyyuu hin dirqisiisu. Mirga filannaa, jechuunis dandeettii karaa jireenya keenya itti geggeeffannu filachuu nuu kenneera.​—Keessa Deebii 30:19.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi