LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yihowaan Waaqa Akkamiiti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 3. Yihowaan akka nu jaallatu kan argisiise akkamitti?

      Amalawwan Yihowaa keessaa inni guddaan jaalala. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo jaalala kan qabu qofa utuu hin taʼin, ofuma isaatii iyyuu “jaalala” akka taʼe dubbata. (1 Yohaannis 4:8) Yihowaan karaa Kitaaba Qulqulluu qofa utuu hin taʼin wantoota uumeenis jaalala isaa argisiiseera. (Hojii Ergamootaa 14:17 dubbisi.) Mee fakkeenyaaf akkamitti akka nu uume haa ilaallu. Dandeettii halluuwwan babbareedoo ilaaluu, muuziqaa nama gammachiisu dhaggeeffachuu fi nyaata miʼaawaa dhandhamuu nuu kenneera. Inni jireenyatti akka gammannu barbaada.

  • Jireenya Isa Kennaa Taʼeef Dinqisiifannaa Qabaadhu
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 1. Jireenyaaf dinqisiifannaa qabaachuu kan qabnu maaliifi?

      Jireenyi kennaa Yihowaa isa Abbaa jaalala qabeessa taʼe irraa arganne waan taʼeef dinqisiifachuu qabna. Yihowaan “madda jireenyaa” waan taʼeef jireenya hunda kan uume isa dha. (Faarfannaa 36:9) “Namoota hundumaatiif jireenyaa fi hafuura, akkasumas wantoota hunda kan kennu isa [dha].” (Hojii Ergamootaa 17:25, 28) Yihowaan wanta lubbuudhaan jiraachuu keenya itti fufuuf nu gargaaru nuu kenna. Wantoota jireenyatti gammaduuf nu barbaachisanis nuu kenneera.—Hojii Ergamootaa 14:17 dubbisi.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi