LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Sagalee Tokkoon Murteessine”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
    • 7, 8. (a) Yaaqoob yaada akkamii dhiheesse? (b) Yaada Yaaqoob dubbate akkamitti hubachuu qabna?

      7 Yaaqoob ragaa Kitaaba Qulqulluu fi yaada obboloonni dubbatan irratti hundaaʼuudhaan obboloonni dhimmicharratti akka yaadaniif yaada itti aanu dubbate: “Kanaafuu, akka ilaalcha kootti namoota saboota kaan keessaa gara Waaqayyootti deebiʼan utuu rakkisuu baannee gaarii dha; kanaa mannaa, wantoota waaqolii tolfamoodhaan xuraaʼan irraa, halalummaa irraa, foon horii hudhamee duʼee irraa, akkasumas dhiiga irraa akka fagaatan isaaniif haa barreessinu. Bara duriitii jalqabee Museen namoota magaalaa hunda keessatti dubbii isaa lallaban qaba ture; sababiin isaas, kitaabonni isaa namoonni akka dhaggeeffataniif yeroo hunda sanbata sanbata mana sagadaa keessatti ni dubbifamu.”—HoE. 15:19-21.

  • “Sagalee Tokkoon Murteessine”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
    • 9. Yaadni Yaaqoob dhiheesse buʼaa akkamii argamsiise?

      9 Yaadni Yaaqoob dhiheesse gaarii turee? Eeyyee! Ergamoonnii fi jaarsoliin booda hojiirra waan oolchaniif gaarii ture. Kunoo buʼaa akkamii argamsiise? Gama tokkoon murtoon godhame Kiristiyaanonni saboota kaan keessaa dhufan Seera Musee akka eegan dirqisiisuudhaan kan isaan ‘rakkisu’ hin turre. (HoE. 15:19) Gama biraatiin immoo murtoon godhame kun ilaalcha Yihudoota Kiristiyaanota taʼanii fi waggoota hedduudhaaf Seerri Musee ‘yeroo hunda sanbata sanbata mana sagadaa keessatti yommuu dubbifamu’ dhagaʼaa turanii akka kabajan kan argisiisu ture.b (HoE. 15:21) Yaadni Yaaqoob dhiheesse kun hariiroo Kiristiyaanota Yihudoota taʼanii fi warra saboota kaan keessaa taʼan gidduu ture akka cimse hin shakkisiisu. Hunda caalaammoo, murtoon kun kaayyoo isaa wajjin waan wal simuuf Yihowaa kan gammachiisu ture. Eeyyee obboloonni kun rakkina tokkummaa fi nagaa gumii saba Waaqayyoo balaadhaaf saaxiluu dandaʼu karaa hundarra caaluun furuu dandaʼaniiru. Kun gumii Kiristiyaanaa yeroo harʼatti argamuuf fakkeenya gaarii taʼa.

  • “Sagalee Tokkoon Murteessine”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
    • b Yaaqoob barreeffamoota Musee irraa malaan caqaseera. Barreeffamoonni kunimmoo seenaawwan Seerri Musee kennamuusaa durayyuu wanta Waaqayyo namoota irraa barbaaduu fi fedhiin Isaa maal akka taʼe argisiisan qabataniiru. Fakkeenyaaf, ilaalchi Waaqayyo dhiigaaf, ejjaa fi waaqa tolfamaa waaqeffachuudhaaf qabu kitaaba Uumamaa keessatti akka gaariitti ibsameera. (Uma. 9:3, 4; 20:2-9; 35:2, 4) Kanaafuu Yihowaan ulaagaasaa Yihudootaa fi namoota Yihudoota hin taane dabalatee namoota hundumaaf ibseera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi