LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Dammaqinaan Jiraachuu Ergamoota Yesusirraa Baradhaa
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Amajjii 15
    • 4, 5. Hafuurri qulqulluun Phaawulosiifi namoota isaa wajjin deemaa turan kan geggeesse akkamitti?

      4 Tokkoffaa, eessatti lallabuu akka qaban ilaalchisee qajeelfama isaanii kenname dammaqinaan hordofaniiru. Seenaa tokko keessatti, Yesus hafuura qulqulluu isa Yihowaa biraa kennameefitti fayyadamee, Phaawulosiifi namoota isaa wajjin deemaa turan bakka isaan hin yaadne akka adeeman akkamitti akka isaan geggeesse ilaalla. (HoE. 2:33) Mee waaʼeesaanii haa qorru.—Hojii Ergamootaa 16:6-10 dubbisi.

  • Dammaqinaan Jiraachuu Ergamoota Yesusirraa Baradhaa
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Amajjii 15
    • 7 Yeroo kanatti, namoonni kun murtoo itti hin yaadamne fakkaatu godhaniiru. Lakkoofsi 8, ‘Kutaa biyya Miisiyaa keessa darbanii, Xiroʼaasitti gad buʼan’ jedha. Namoonni kun hamma qarqara galaanaa Xiroʼaas ishee karaa gara Maqedooniyaatti geessurra jirtu gaʼanitti, kallattii lixa biiftuutiin magaalaa hedduu keessa darbuudhaan kiilomeetira 563 deemaniiru. Achittis Phaawulosiifi hiriyoonnisaa yeroo sadaffaatiif balbala kan rurrukutan yommuu taʼu yeroo kanatti akka gaariitti isaanii banameera. Lakkoofsi 9 akkas jedha: “Phaawulos halkan sanatti nama Maqedooniyaa tokko mulʼatatti arge; namichi dhaabatee, ‘Maqedooniyaatti ceʼii, nu gargaari!’ jedhee isa kadhate.” Dhumarratti, Phaawulos eessatti lallabuu akka qabu hubateera. Namoonni sun yeruma sana markabaan gara Maqedooniyaa dhaqan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi