-
“Cimsaa Waaqayyoon Barbaadaatii . . . Argadhaa”Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
-
-
13. Akkaataa hawaan itti argame ilaalchisee Phaawulos maal dubbate? Yaanni inni dubbate kunoo maal argisiisa?
13 Hawaa Waaqayyotu uume. Phaawulos akkana jedhe: “Waaqni inni addunyaa fi wantoota isa keessa jiran hunda uume, inni Gooftaa samii fi lafaa taʼe, manneen qulqullummaa harka namaatiin hojjetaman keessa hin jiraatu.”d (HoE. 17:24) Hawaan kan argame akka tasaa miti. Wanta hunda kan uume Waaqa dhugaadha. (Far. 146:6) Waaqolii Ateenaa ykn waaqolii kan biroo ulfinni isaanii manneen qulqullummaa, iddoowwan waaqeffannaa fi iddoowwan aarsaarratti hundaaʼerraa haala adda taʼeen, Gooftaa Olaanaan samii fi lafaa manneen qulqullummaa namoonni ijaaran keessa hin jiraatu. (1 Mot. 8:27) Wanti Phaawulos jechuu barbaade ifadha: Waaqni dhugaan, waaqolii tolfamoo manneen qulqullummaa namoonni ijaaran keessa jiranirra baayʼee ni caala.—Isa. 40:18-26.
-
-
“Cimsaa Waaqayyoon Barbaadaatii . . . Argadhaa”Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
-
-
d Jechi afaan Giriikii “addunyaa” jedhamee hiikame koʹsmos siʼa taʼu, hawaa ijaan mulʼatu argisiisa. Phaawulos Giriikota isa dhaggeeffatanii wajjin wanta irratti walii galu argachuuf yaalaa waan tureef, asirratti jecha hawaa argisiisu fayyadamuunsaa sirriidha.
-