-
“Dubbachuu Kee Itti Fufi Malee Calluma hin Jedhin”Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
-
-
“Fedhii Yihowaa yoo Taʼe” (Hojii Ergamootaa 18:18-22)
17, 18. Phaawulos yeroo dooniidhaan gara Efesoonitti imalaa turetti waaʼee maalii xiinxalee taʼuu dandaʼa?
17 Murtoon Gaaliyoon godhe ariʼatamni gumii Qorontos isa reefuu hundaaʼerra gaʼu yeroodhaaf akka dhaabbatu gochuu fi dhiisuusaa hin beeknu. Haataʼu malee, Phaawulos obboloota Qorontositti nagaa dhaamee deemuusaa dura ‘guyyoota hedduuf’ achi tureera. Phaawulos Dh.K.B. bara 52 waqtii birraatti buufata doonii Kinkiriʼaa isa Qorontosirraa gara kiilomeetira 11 fagaatuu kaʼee gara Sooriyaa deemuuf karoorfatee ture. Haataʼu malee Kinkiriʼaadhaa kaʼuusaa dura, “Wareega waan qabuuf . . . rifeensa mataa isaa gabaabsee murate.”c (HoE. 18:18) Achiis Aqiilaa fi Phirisqiilaa fudhatee Galaana Eejiyaan qaxxaamuruudhaan gara Efesoon ishii Eeshiyaa Xinnoo keessatti argamtuu dhaqe.
-