LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Eenyu Iyyuu Akka Nama Kanaatti Matumaa Dubbatee hin Beeku”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
    • 5. Fakkeenya yaanni Yesuus dubbatu salphaa, garuummoo ergaa guddaa kan dabarsu taʼuusaa argisiisu dubbadhu.

      5 Yesuus yommuu barsiisu yeroo baayʼee himoota salphaa fi gabaabaa taʼan, garuummoo hiika guddaa qabanitti fayyadama ture. Kitaabonni maxxanfamuu jalqabuusaanii jaarraa hedduu dura, barumsa sammuu fi garaa dhaggeeffattootasaa keessaa hin badne barsiiseera. Fakkeenya tokko tokko ilaali: “Akka isinitti hin murteeffamneef warra kaanitti murteessuu dhiisaa.” “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu.” “Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.” “Wanta kan Qeesaar taʼe Qeesaariif, wanta kan Waaqayyoo taʼe immoo Waaqayyoof deebisaa kennaa.” “Fudhachuu irra kennuutu caalaatti nama gammachiisa.”b (Maatewos 7:1; 9:12; 26:41; Maarqos 12:17; Hojii Ergamootaa 20:35) Jechoonni kun gara waggaa 2,000 dura kan dubbataman taʼus, ammayyuu salphaatti yaadatamu.

  • “Eenyu Iyyuu Akka Nama Kanaatti Matumaa Dubbatee hin Beeku”
    “Kottuutii Duuka Buutuu Koo Taʼi”
    • b Yaada dhumarratti ibsamee fi Hojii Ergamootaa 20:35​rratti argamu kan caqase Phaawulos ergamaadha. Phaawulos yaada kana (nama yommuu Yesuus yaada kana dubbatetti turerraa ykn Yesuus isa duʼaa kaʼerraa) dhagaʼee ykn Yihowaan mulʼataan isaaf ibsee taʼuu dandaʼa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi