LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Dhiifama Gaafachuun Nagaa Uumuuf Murteessaa Dha
    Masaraa Eegumsaa—2002 | Sadaasa 1
    • Fakkeenyi kan biraan yoom dhiifama gaafatamuu akka qabu beeku immoo Phaawulos ergama dha. Yeroo tokko mana murtii Yihudootaa Saanhedriin jedhamu duratti dhihaatee, himata isa irratti dhihaateef deebii kennuu qaba ture. Anaaniyaas lubni ol aanaan jechoota Phaawulos amanamummaadhaan dubbateen waan aareef namoonni Phaawulos bira dhaabbatan afaan isaa akka rukutan ajaje. Yeroo kanatti Phaawulos, “Girgiddaa nooraa dibame nana, Waaqayyo si rukuta. Ati akka Seerichaatti natti murteessuuf teessee utuu jirtuu, akkan rukutamu ajajuudhaan Seericha cabsitaa?” jedhe. Namoonni haala isaa ilaalaa turan luba ol aanaa akka arrabse yommuu isa himatan yeruma sana balleessaa isa amanuudhaan, “Yaa obbolootaa, luba ol aanaa taʼuu isaa ani hin beekne. Sababiin isaas, ‘Bulchaa saba keetti wanta hamaa hin dubbatin’ jedhamee barreeffameera” jedhe.—Hojii Ergamootaa 23:1-5.

      Phaawulos namni murtii akka kennu muudame gocha seeraan ala taʼe raawwachuu akka hin qabne dubbachuun isaa sirrii dha. Taʼus, utuu hin beekin karaa luba ol aanaatiif ulfina akka hin qabne argisiisuun isatti dubbachuu isaatiin dhiifama gaafateera.a Phaawulos dhiifama gaafachuun isaa yaaʼiin Saanhedriin yaada isaa akka dhaggeeffatu karaa baneera. Wanta miseensonni yaaʼii kun irratti walii hin galle waan beekuuf, mana murtiitti kan dhihaate abdii duʼaa kaʼuutti amanuu isaatiin akka taʼe dubbate. Kanaan kan kaʼes, Fariisonni Phaawulosiin kan deggeran yommuu taʼu wal dhabiinsi ni uumame.—Hojii Ergamootaa 23:6-10.

  • Dhiifama Gaafachuun Nagaa Uumuuf Murteessaa Dha
    Masaraa Eegumsaa—2002 | Sadaasa 1
    • a Tarii Phaawulos luba ol aanaa sana hubachuu kan hin dandeenye rakkina sirriitti arguu waan qabuuf taʼuu dandaʼa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi