LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Falmii Ani . . . Dhiheeffadhu Dhaggeeffadhaa”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
    • 17 Namoonni achi turanis Phaawulos rukutamuu isaatti utuu hin taʼin, wanta inni dubbatetti rifatan. Achiis, “Luba ol aanaa Waaqayyoo arrabsitaa?” isaan jedhan. Phaawulosis, deebisee akka gad of qabuu fi seericha akka kabaju karaa argisiisuun, “Yaa obbolootaa, luba ol aanaa taʼuu isaa ani hin beekne. Sababiin isaas, ‘Bulchaa saba keetti wanta hamaa hin dubbatin’ jedhamee barreeffameera”d isaaniin jedhe. (HoE. 23:4, 5; Bau. 22:28) Phaawulos itti aansuudhaan mala kan biraa fayyadame. Mana maree Saanhedriin keessa kan jiran Fariisotaa fi Saduuqota akka taʼan waan hubateef akkana isaaniin jedhe: “Yaa obbolootaa, ani Fariisicha, sanyii Fariisotaatis. Ani amma murtiitti kanan dhihaadhe, warri duʼan akka duʼaa kaʼan waanan amanuufi.”—HoE. 23:6.

      Namni luba saba Kiristiyaanaa taʼe tokko, obboleessi keenya tokko yeroo dhugaa isaaf baʼutti Kitaaba Qulqulluu isaarraa caqasa tokko xiyyeeffannaadhaan ilaalaa jira.

      Akkuma Phaawulos namoota amantaa garaa garaa hordofanii wajjin yommuu mariʼannu wanta irratti walii gallu filanna

      18. Phaawulos Fariisii kan ofiin jedhe maaliifi? Yeroo tokko tokko mala Phaawulos fayyadametti fayyadamnee namoota mariisisuu kan dandeenyu akkamitti?

      18 Phaawulos Fariisicha kan ofiin jedhe maaliifi? “Sanyii Fariisotaa” akka taʼe waan dubbateef maatii miseensa garee kanaa taʼe keessaa dhalachuu hin oolu. Ammayyuu namoonni hedduun Fariisii akka taʼetti isa ilaalu.e Fariisonni duʼaa kaʼuu ilaalchisee yaada dogoggoraa utuma qabanii Phaawulos Fariisii kan ofiin jedhe maaliifi? Fariisonni lubbuun akka hin duunee fi duʼa booda lubbuun qajeelotaa qaama kan biraa uffachuudhaan deebitee akka jiraattu amanu. Phaawulos immoo yaada kanarratti walii hin galu. Phaawulos kan amanu duʼaa kaʼuu isa Yesuus barsiisettidha. (Yoh. 5:25-29) Taʼus, Phaawulos Fariisotaa wajjin yaada duʼa booda jireenyi jira jedhurratti walii gala; Saduuqonni garuu, duʼa booda jireenyi akka hin jirre amanu. Nutis, namoota amantaa Kaatolikii ykn Pirootestaantii hordofanii wajjin yeroo mariʼannutti yaada wal fakkaatutti fayyadamuu dandeenya. Nutis akkuma isaanii Waaqayyotti akka amannu dubbachuu dandeenya. Dhugaadha, isaan Sillaaseetti amanu, nutimmoo Waaqa isa Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasametti amanna. Kanaaf lamaan keenyayyuu Waaqayyo akka jiru ni amanna jechuudha.

  • “Falmii Ani . . . Dhiheeffadhu Dhaggeeffadhaa”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
    • e Dhaloota Kiristoos Booda bara 49tti ergamoonnii fi jaarsoliin namoonni Yihudoota hin taane Seera Museetiif ajajamuu qabumoo hin qaban isa jedhurratti mariʼachaa turan. Yeroo kanatti namoonni ‘garee amantii Fariisotaa keessaa amantoota taʼan tokko tokkos’ achi turan. (HoE. 15:5) Namoonni kun garee amantaa Fariisotaa keessaa kan jedhaman, kanaan dura Fariisota akka turan wanti argisiisu waan jiruuf taʼuu hin oolu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi