LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • “Ani Qeesaaritti Ol Iyyadheera!”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
    • 5. Feesxos yeroo Phaawulosii wajjin dubbachaa turetti maal godhe?

      5 Feesxos guyyoota muraasa booda Qisaariyaa keessatti “barcuma murtii irra taaʼe.”b Phaawulosii fi namoonni isa himatanimmoo isa dura dhaabbataniiru. Phaawulos himata sobaa isarratti dhiheessaniif yommuu deebii kennu, “Ani Seera Yihudootaa irrattis taʼe mana qulqullummaa irratti yookiin Qeesaar irratti yakka tokko illee hin hojjenne” jedhe. Ergamaan kun yakka waan hin raawwanneef gadhiifamuu qaba. Maarree, Feesxos maal murteessa laata? Yihudoota biratti fudhatama argachuu waan barbaadeef, “Gara Yerusaalemitti ol baatee waaʼee wantoota kanaa achitti na duratti murtii argachuu barbaaddaa?” jedhee Phaawulosiin gaafate. (HoE. 25:6-9) Kun mala haxxummaarratti hundaaʼe ture. Phaawulos gara Yerusaalemitti yoo deebifame abbootiin murtii dhimmasaa ilaalan namootuma isa himatan waan taʼaniif ajjeefamuu dandaʼa. Yeroo kanatti Feesxos haqa raawwachuu caalaa gama siyaasaatiin fudhatama argachuu filate. Bulchaan isa dura ture Phonxos Philaaxosis Yesuusirratti waanuma kanaa wajjin wal fakkaatu raawwateera. (Yoh. 19:12-16) Abbootiin murtii yeroo harʼaa jiranis dhiibbaa gama siyaasaatiin isaanirra gaʼuuf harka kennuu dandaʼu. Kanaafuu, abbootiin murtii ragaa tokkollee utuu hin qabaatin saba Waaqayyoorratti yoo murteessan ajaaʼibsiifamuu hin qabnu.

  • “Ani Qeesaaritti Ol Iyyadheera!”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
    • b ‘Barcumni murtii’ teessuma waltajjii ol kaʼaarra kaaʼamudha. Iddoo ol kaʼaarra kaaʼamuunsaa murtiin abbaan murtii sun kennu cimaa fi kan hin jijjiiramne taʼee akka namootatti mulʼatu godha. Philaaxos himata Yesuusirratti dhihaate ilaalaa kan ture barcuma murtiirra taaʼeeti.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi