-
“Isin Keessaa Namni Tokko Illee hin Badu”Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
-
-
“Gaarummaa Addaa” (Hojii Ergamootaa 28:1-10)
18-20. Namoonni Maaltaa “Gaarummaa Addaa” kan argisiisan akkamitti ture? Waaqayyo Phaawulositti fayyadamee dinqii akkamii raawwate?
18 Imaltoonni balaarraa oolan kun, odoola Maaltaa ishii kibba Kilqiyaatti argamtu bira akka gaʼan hubatan. (Saanduqa, “Maaltaan Eessatti Argamti?” jedhu ilaali.) Namoonni odola sanaa afaan kan biraa kan dubbatan taʼus, “Gaarummaa Addaa” isaanitti argisiisan. (HoE. 28:2) Namoonni kun isaan beekuu baatanis, namoota bishaaniin tortoranii fi hollachaa jiran kanaaf ibidda qabsiisan. Bokkaa fi qorri jiraatus, ibiddi sun namoonni sun hoʼa akka argatan isaan gargaareera. Achiis dinqiin tokko ni raawwatame.
-