LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Jireenyaafi Nagaa Argachuuf Akka Fedha Hafuuraatti Jiraadhaa
    Masaraa Eegumsaa—2011 | Sadaasa 15
    • 8 Seerichi, namoonni wanta inni abboomu eeguu waan hin dandeenyeef cubbamootatti farada ture. Kana malees Angafni lubootaa Israaʼel Seericha jalatti tajaajilan cubbuu kan dhaalan waan taʼaniif, aarsaa gaʼaa taʼe dhiheessuu hin dandaʼan turan. Kanaaf Seerichi “hojii isaa hojjechuu dadhabe.” Haataʼu malee, “Waaqayyo ilma ofii isaatii erge. . . . Ilmi isaa kun foon isa namni cubbamaan uffatu uffatee” furii taʼee akka dhihaatu isa gochuudhaan, Waaqayyo ‘cubbuu isa nama foonii keessaatti waan faradeef’ ‘seera isa hojii isaa hojjechuu dadhabe’ hambiseera. Kanaaf Kiristiyaanonni dibamoon amantii aarsaa furii Yesusirratti qabaniin akka qajeelotaatti lakkaaʼamuu dandaʼaniiru. Isaan ‘akka fedha hafuuraatti malee akka fedha fooniitti akka hin jiraanne’ gorsi isaaniif kennameera. (Roomaa 8:3, 4 dubbisi.) Dhugumayyuu, “gonfoo ittiin jireenya argatan” argachuuf, hamma jireenyasaanii isa lafarraa xumuranitti amanamoo taʼanii jiraachuu qabu.—Mul. 2:10.

  • Jireenyaafi Nagaa Argachuuf Akka Fedha Hafuuraatti Jiraadhaa
    Masaraa Eegumsaa—2011 | Sadaasa 15
    • 10. Seera cubbuufi seera duʼaa jala kan galle akkamitti?

      10 Phaawulos ergamaan, “Cubbuun karaa nama tokkoo biyya lafaatti akkuma dhufe, duunis karaa cubbuu akka gale, akkasumas namoonni hundinuu waan yakkaniif duuni sanyii namaa hundumaa wal gaʼe” jedhee barreesseera. (Rom. 5:12) Sanyii Addaam waan taaneef hundi keenya seera cubbuufi seera duʼaa jala jirra. Foon keenya inni cubbuu dhaale gochawwan Waaqayyoon gaddisiisan akka raawwannu yeroo hunda dhiibbaa nurraan gaʼa; kunimmoo duʼaaf nu saaxila. Phaawulos ergaa warra Galaatiyaaf barreesserratti gochawwaniifi amalawwan akkasii ‘hojii foonii’ jedhee waameera. Achiis itti dabaluudhaan, “Warri wanta akkasii hojjetan mootummaa Waaqayyootti galuu [hin dandaʼan]” jedheera. (Gal. 5:19-21) Namoonni akkasii warra akka fedha fooniitti jiraatanii wajjin tokkodha. (Rom. 8:4) ‘Seerri keessasaaniitii gochasaanii toʼatuufi qajeelfamni isaan ittiin geggeeffaman’ guutummaatti yaada fooniirratti kan hundaaʼedha. Haataʼu malee namoonni akka fedha fooniitti jiraatan, warra halalummaa, waaqayyolii tolfamaa waaqeffachuufi qoricha namatti gochuu ykn cubbuu cimaa kan biraa raawwatan qofadhaa? Hojiin foonii amalawwan gadhee namoonni akka laayyootti ilaalan, jechuunis hinaaffaa, dheekkamsaafi ofittummaa kan dabalatu waan taʼeef isaan qofa miti. Maarree, namni guutummaatti akka fedha fooniitti jiraachuurraa walaba baʼeera jedhee dubbachuu dandaʼu jiraa?

  • Jireenyaafi Nagaa Argachuuf Akka Fedha Hafuuraatti Jiraadhaa
    Masaraa Eegumsaa—2011 | Sadaasa 15
    • 12 Haalli keessa jirru nama dhukkuba cimaarraa fayyuuf yaalamaa jiruu wajjin wal fakkaata. Guutummaatti fayyuu yoo barbaanne wanta ogeessi fayyaa nuun jedhu hunda gochuu qabna. Aarsaa furii Yesus Kiristosirratti amantii qabaachuun seera cubbuufi seera duʼaa jalaa walaba nu baasuu kan dandaʼu taʼus, ammayyuu akkuma cubbuu dhaalletti jirra. Yihowaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuun, isa duratti fudhatamaafi eebbasaa argachuun waan dabalatu qaba. Phaawulos ‘wanta seerri nurraa gaafatu’ raawwachuu wajjin haala wal qabateenis akka fedha hafuuraatti jiraachuu caqaseera.

      Akka Fedha Hafuuraatti Jiraachuun Kan Dandaʼamu Akkamitti?

      13. Akka fedha hafuuraatti jiraachuu jechuun maal jechuudha?

      13 Bakka yaanne tokko gaʼuuf amma achi geenyutti deemuu keenya itti fufna. Haaluma wal fakkaatuun akka fedha hafuuraatti jiraachuunis, karaa hafuuraa guddina argisiisuu keenya itti fufuu gaafata malee, matumaa mudaa kan hin qabne taʼuu jechuu miti. (1 Xim. 4:15) Guyyaa hundumaa hamma nuu dandaʼame haala fedha hafuuraa wajjin walsimuun jiraachuuf carraaquu qabna. ‘Hafuuraan geggeeffamaa jiraachuun’ Waaqayyo duratti fudhatama namaaf argamsiisa.—Gal. 5:16.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi