LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Abdii Keenyatti Gammaduu
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Bitootessa 15
    • 10, 11. (a) Hoolonni kan biraan abdii akkamii qabu? (b) Abdiin lafarra jiraachuu raawwatamuunsaa Kiristosiifi “mulʼachuu ijoollee Waaqayyoo” wajjin kan wal qabate akkamitti?

      10 Phaawulos abdii guddaan warri “ijoollee Waaqayyoo” hafuuraa taʼan qaban Kiristosii wajjin ‘akka argatan’ ykn akka dhaalan barreesseera. Achiis abdii dinqisiisaa Yihowaan hoolota kan biraa lakkoofsisaanii hangana hin jedhamneef kenne ilaalchisee akkas jedheera: “Uumamni hundinuu, [ilmaan namootaa] mulʼachuu ijoollee Waaqayyoo [dibamtoota] dhimmanii eeggachaa jiru. Uumamni wanta gatii hin qabne akka taʼu godhameera; inni illee ofii isaatii akkas taʼuu hin barbaanne, garuu isuma isa uumetu akkas isa godhe; haa taʼu iyyuu malee, akkas taʼuun isaa abdii qaba ture. Uumamni, garbummaa isa wanta badu isa godhe jalaa luba in baʼa; luba baʼuun kun gara birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabaniitti in geessa.”—Rom. 8:14-21.

  • Abdii Keenyatti Gammaduu
    Masaraa Eegumsaa—2012 | Bitootessa 15
    • 12. Dibamtoonni mulʼachuunsaanii ilmaan namootaatiif faayidaa guddaa akkamii argamsiisa?

      12 Bulchiinsa Kiristos Waggaa Kumaatti “uumamni” jechuunis ilmaan namootaa boqonnaa guddaa argatu. Yeroo sanatti, ‘ijoolleen Waaqayyoo’ ulfina argatan, Kiristosii wajjin luboota taʼanii faayidaa aarsaa furii Yesus ilmaan namootaatiin gaʼuurratti hirmaachuuf lammata ‘mulʼatu.’ “Uumamni” jechuunis ilmaan namootaa Mootummaa samii jalatti waan bulaniif, miidhaa cubbuufi duuni geessisanirraa walaba taʼuu jalqabu. Ilmaan namootaa ajajamoo taʼan, suutuma suuta ‘garbummaa isa wanta badu isaan godhe jalaa luba baʼu.’ Barkumee kana keessattiifi qorumsa dhumaa isa booda dhufurratti Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii yoo itti fufan, maqaansaanii ‘macaafa isa warri jireenya argachuuf jiran itti caafaman’ keessatti barabaraaf barreeffama. Achiis gara “birmadummaa ijoollee Waaqayyoo warra ulfina qabaniitti” galu. (Mul. 20:7, 8, 11, 12) Dhugumayyuu kun abdii ulfina guddaa qabudha!

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi