LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Waaqeffannaan Keenya Waaqayyoon Akka Gammachiisu Gochuu kan Dandeenyu Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 2. Yihowaa waaqeffachuu kan qabnu akkamitti?

      Yihowaan Uumaa keenya waan taʼeef isa qofa waaqeffachuu qabna. (Mulʼata 4:11) Kana jechuun, isa jaallachuu fi fakkii tokko illee utuu hin fayyadamin isa qofa waaqeffachuu qabna jechuu dha.—Isaayyaas 42:8 dubbisi.

      Waaqeffannaan keenya Yihowaa duratti “qulqulluu fi . . . fudhatama” kan qabu taʼuu qaba. (Roomaa 12:1) Kana jechuun, ulaagaalee naamusaa inni baasee wajjin haala wal simuun jiraachuu nu barbaachisa jechuu dha. Fakkeenyaaf, namoonni Yihowaa jaallatan, ulaagaalee inni gaaʼelaaf baase ni dinqisiifatu, akkasumas hojii irra oolchu. Kana malees, gochawwan nama miidhan, kan akka tamboo xuuxuu, jimaa qamaʼuu, qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu ykn dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu irraa of qusatu.a

  • Jireenya Isa Kennaa Taʼeef Dinqisiifannaa Qabaadhu
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 3. Fayyaa kee kunuunsi

      Kiristiyaanonni Yihowaadhaaf of murteessan jireenya isaanii guutuu isa tajaajiluuf itti fayyadamu. Kun akkuma qaama isaanii aarsaa godhanii Waaqayyoof dhiheessanitti ilaalama. Roomaa 12:1, 2 dubbisaa, achiis gaaffiiwwan kanneen irratti mariʼadhaa:

      • Fayyaa keetiif kunuunsa gochuuf wanti si kakaasuu qabu maali dha?

      • Karaawwan kana gochuu itti dandeessu tokko tokko kam faʼi?

      Dubartii ulfa doktara ishii wajjin dubbachaa jirtu.
Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi