LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 3 | Jibba Sammuu Kee Keessaa Baasi
    Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2022 | Lakk. 1
    • Barumsa Kitaaba Qulqulluu:

      “Wanta gaarii, wanta fudhatama qabuu fi fedhii Waaqayyoo isa mudaa hin qabne mirkaneeffachuu akka dandeessaniif, sammuu keessan haaressuudhaan jijjiiramaa.”—ROOMAA 12:2.

      Maal Jechuu Dha?

      Waaqayyo wantoota yaannuuf xiyyeeffannaa ni kenna. (Ermiyaas 17:10) Wanta jibba argisiisu dubbachuu ykn raawwachuu irraa of qusachuu kan qabnu taʼus, kun qofti gaʼaa miti. Jibbi sammuu fi garaa keessaa jalqaba. Kanaafuu, yaadaa fi miira jibba argisiisu kamiyyuu of keessaa baasuu qabna. Guutummaatti ‘jijjiiramuudhaan’ jibba injifachuu kan dandeenyu yoo akkas goone qofa dha.

  • 3 | Jibba Sammuu Kee Keessaa Baasi
    Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2022 | Lakk. 1
    • Isteefan aarii isaa akka toʼatuu fi warra kaan jibbuu akka dhiisu maaltu isa gargaare? Yaanni Roomaa 12:2 irratti argamu isa gargaareera. Akkana jedheera: “Ilaalcha koo jijjiiruu akkan qabu hubachuun jalqabe. Naga qabeessa taʼuuf qofa utuu hin taʼin, jireenyi akkasii hunda irra kan caalu akka taʼetti ilaaluuf sammuu koo haaressuudhaan jijjiiramuun qaba ture.” Isteefan jibba erga injifatee waggaa 40 ol taʼeera.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi