LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 | Haaloo hin Baʼin
    Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2022 | Lakk. 1
    • Barumsa Kitaaba Qulqulluu:

      “Eenyuuf iyyuu hamaa hamaadhaan hin deebisinaa. . . . Hamma isiniif dandaʼametti karaa keessan namoota hundumaa wajjin nagaadhaan jiraadhaa. . . . ‘“Haaloo baʼuun kan koo ti; ani deebisee nan kaffala” jedha Yihowaan’ jedhamee waan barreeffameef, dheekkamsa Waaqayyoof dhiisaa malee ofii keessanii haaloo hin baʼinaa.”—ROOMAA 12:17-19.

      Maal Jechuu Dha?

      Yeroo namni tokko nu miidhutti aaruun waanuma jiru taʼus, Waaqayyo haaloo akka baanu nuuf hin heyyamne. Kanaa mannaa, akka isa eeggannu nu jajjabeesseera; inni dhiheenyatti miidhaa gaʼe hundumaa ni sirreessa.—Faarfannaa 37:7, 10.

  • 2 | Haaloo hin Baʼin
    Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2022 | Lakk. 1
    • Adriyaan umurii isaa waggaa 16⁠tti Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. “Qoʼannaa kootti jabaachaa yommuun deemu, jijjiirama gochuu akkan qabun hubadhe” jedheera. Jibba of keessaa balleessuu fi jeequmsa kakaasuu irraa fagaachuun isa barbaachisa ture. Keessumaa yaanni Roomaa 12:17-19 irratti argamuu fi haaloo baʼuu irraa fagaachuu akka qabnu dubbatu baayʼee isa fayyadeera. Akkana jedheera: “Yihowaan jalʼina haqaatiif karaa mataa isaa yeroo isaatti furmaata akka kennu amanee fudhadheera. Suutuma suutas, gocha koo isa hamaa dhiisuu dandaʼeera.”

      Galgala tokko gareen kashalabbootaa yeroo baayʼee isaa wajjin wal lolan miidhaa isa irraan gaʼanii turan. Geggeessaan isaaniis, “Mee of irraa dhowwi!” jedhee itti iyye. Adriyaan, “Keessi koo tarkaanfii akkan fudhadhu dhiibbaa na irratti gochaa [ture]” jechuudhaan ifatti dubbateera. Taʼus haaloo baʼuu mannaa, gara Yihowaatti kadhannaa gabaabaa dhiheesse; achiis bakka sana dhiisee deeme.

      Adriyaan itti fufuudhaan akkana jedheera: “Borumtaa isaa gaggeessaa garee sanaa kophaa isaattin arge. Yommuun isa argu aariidhaan haaloo baʼuu kanan barbaade taʼus, Yihowaan akkan of toʼadhu akka na gargaarun kadhadhe. Kan nama dinqisiisu dargaggeessi sun gara koo dhufee akkana naan jedhe: ‘Wanta galgala raawwatameef dhiifama naa godhi. Dhugaa isaa dubbachuuf, akka kee taʼuun barbaada. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun barbaada.’ Aarii koo toʼachuu dandaʼuu kootti baayʼeen gammade! Kanaan kan kaʼes, isaa wajjin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabne.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi