Adriyaan umurii isaa waggaa 16tti Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. “Qoʼannaa kootti jabaachaa yommuun deemu, jijjiirama gochuu akkan qabun hubadhe” jedheera. Jibba of keessaa balleessuu fi jeequmsa kakaasuu irraa fagaachuun isa barbaachisa ture. Keessumaa yaanni Roomaa 12:17-19 irratti argamuu fi haaloo baʼuu irraa fagaachuu akka qabnu dubbatu baayʼee isa fayyadeera. Akkana jedheera: “Yihowaan jalʼina haqaatiif karaa mataa isaa yeroo isaatti furmaata akka kennu amanee fudhadheera. Suutuma suutas, gocha koo isa hamaa dhiisuu dandaʼeera.”
Galgala tokko gareen kashalabbootaa yeroo baayʼee isaa wajjin wal lolan miidhaa isa irraan gaʼanii turan. Geggeessaan isaaniis, “Mee of irraa dhowwi!” jedhee itti iyye. Adriyaan, “Keessi koo tarkaanfii akkan fudhadhu dhiibbaa na irratti gochaa [ture]” jechuudhaan ifatti dubbateera. Taʼus haaloo baʼuu mannaa, gara Yihowaatti kadhannaa gabaabaa dhiheesse; achiis bakka sana dhiisee deeme.
Adriyaan itti fufuudhaan akkana jedheera: “Borumtaa isaa gaggeessaa garee sanaa kophaa isaattin arge. Yommuun isa argu aariidhaan haaloo baʼuu kanan barbaade taʼus, Yihowaan akkan of toʼadhu akka na gargaarun kadhadhe. Kan nama dinqisiisu dargaggeessi sun gara koo dhufee akkana naan jedhe: ‘Wanta galgala raawwatameef dhiifama naa godhi. Dhugaa isaa dubbachuuf, akka kee taʼuun barbaada. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun barbaada.’ Aarii koo toʼachuu dandaʼuu kootti baayʼeen gammade! Kanaan kan kaʼes, isaa wajjin qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabne.”