-
“Namni Hamaa Yoo Isin Irratti Hojjete, Deebiftanii Hamaa Irratti Hin Hojjetinaa!”Masaraa Eegumsaa—2007 | Adoolessa 1
-
-
“Ofii Keessanii Ijaa Hin Baafatinaa!”
15. Roomaa 12:19rratti sababii ijaa ba’uurraa akka of qusannu nu godhu maaltu ibsame?
15 Phaawulos sababii quubsaa ijaa ba’uu hin qabneef kan biraa ibseera; akkas gochuu dhiisuun amala gad of qabuu qabaachuu keenya kan argisiisudha. Akkas jedhe: “Michoota ko! Ijaa baasuu dheekkamsa Waaqayyootti dhiisaa malee, ofii keessanii ijaa hin baafatinaa! Caaffata qulqullaa’aa keessatti, Waaqayyo gooftaan, ‘Ijaa baasuun kan koo ti, ani hojii namaa mataa isaa irratti nan deebisa’ jedhee dubbateera.” (Roomaa 12:19) Kiristiyaanni ijaa ba’uuf yaalu kan of tuuludha. Tarkaanfii Waaqayyo fudhachuu qabu ofiisaatii fudhata. (Maatewos 7:1) Kana malees, wanta isarra ga’eef ijaa ba’uunsaa Yihowaa isa “Ijaa baasuun kan koo ti” jedherratti akka hin amanamne kan argisiisudha. Haala kanarraa faallaa ta’een, Kiristiyaanonni dhugaa Yihowaan ‘warra isaaf fo’amaniif dhugaasaanii akka baasuuf’ ni amanu. (Luqaas 18:7, 8; 2 Tasaloniiqee 1:6-8) Waaqayyo ijaa akka isaaniif baasu isatti dhiisuudhaan kan gad of qaban ta’uusaanii argisiisu.—Ermiyaas 30:23, 24; Roomaa 1:18.
-
-
“Namni Hamaa Yoo Isin Irratti Hojjete, Deebiftanii Hamaa Irratti Hin Hojjetinaa!”Masaraa Eegumsaa—2007 | Adoolessa 1
-
-
18. Ijaa ba’uurraa of qusachuun sirrii, gocha jaalalaafi amala gadi of qabuu qabaachuu keenya kan argisiisudha kan jennu maaliifi?
18 Marii gabaabaa Roomaa boqonnaa 12rratti gooneen, sababiiwwan baay’ee ‘namni hamaa yoo nurratti hojjete, deebifnee hamaa irratti akka hin hojjenne’ nu godhan ilaalleerra. Jalqaba, ijaa ba’uu dhiisuurraa of qusachuun gocha sirrii hordofuu qabnudha. Waaqayyo gaarummaa waan nutti argisiiseef, Isaaf of dhiheessuufi diinota keenya jaallachuu dabalatee abboommiiwwansaatiif fedhiidhaan ajajamuun keenya sirriifi waan nurraa eegamudha. Lammaffaa, hamaa hamaadhaan deebisuurraa of qusachuun karaa jaalalaa hordofuu qabnudha. Ijaa ba’uurraa of qusachuufi nagaa buusuudhaan, namoonni mormitoota cimoo turanillee tajaajiltoota Yihowaa ta’uu akka danda’an abdachuudhaan jaalalaan isaan gargaaruu dandeenya. Sadaffaa, hamaa hamaadhaan deebisuu dhiisuun amala kan gad of qabne ta’uu keenya argisiisudha. Yihowaan, “Ijaa baasuun kan koo ti” waan jedheef ofii keenyaa ijaa ba’uuf yaaluun of tuulummaadha. Dubbiin Waaqayyoos, “Yommuu of gurguddisuun dhufu, salphinni in dhufa; yommuu gad of deebisan ogummaatu dhufa” jechuudhaan akeekkachiisa. (Fakkeenya 11:2) Jal’ina nurratti raawwatamu harka Waaqayyootti kennuun, amala gad of qabuu qabaachuu keenya kan argisiisudha.
-