-
Aarii Keessan Toʼachuudhaan ‘Waan Gaariidhaan Isa Hamaa moʼaa’Masaraa Eegumsaa—2010 | Waxabajjii 15
-
-
10. Kiristiyaanonni, haaloo baʼuudhaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabu?
10 Wanti Simooniifi Lewwiin raawwatan, akkasumas Daawitiifi Abigaayil gidduutti raawwatame, Yihowaan aarii gara hin qabneefi hammeenya akka jibbu, akkasumas carraaqqii nagaa uumuuf godhamu akka eebbisu ifa godha. Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta dandaʼamu hundumaa godhaa! Michoota ko! Ijaa baasuu dheekkamsa Waaqayyootti dhiisaa malee, ofii keessanii ijaa hin baafatinaa! Caaffata qulqullaaʼaa keessatti, Waaqayyo gooftaan, ‘Ijaa baasuun kan koo ti, ani hojii namaa mataa isaa irratti nan deebisa’ jedhee dubbateera. Iddoo tokkotti immoo, ‘Diinni kee yoo beelaʼe nyaachisi, yoo dheebotes obaasi! Kana gochuu keetiinis gaabbee akka inni yeellaʼu in goota, [“giimii mataasaarratti walittinqabdaʼoo” hiika bara 1899]’ jedhamee caafameera. Waan gaariidhaan isa hamaa moʼi malee, hamaan si hin moʼin!”—Rom. 12:18-21.a
-
-
Aarii Keessan Toʼachuudhaan ‘Waan Gaariidhaan Isa Hamaa moʼaa’Masaraa Eegumsaa—2010 | Waxabajjii 15
-
-
a Bara duriitti namoonni sibiila baqsuuf, irraafi jalasaatti “giimii” naquudhaan xuriisaa irraa baasu turan. Namoota gaarii hin taanetti gaarummaa argisiisuun keenya, ilaalchasaanii jijjiiruudhaan amalasaanii isa gaarii baasuu dandaʼa.
-