LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Duʼaa Kaʼuun—Abdii Amansiisaa dha!
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2020 | Muddee
    • Yesuus samiitti yommuu ol baʼu. Kiristiyaanonni jalqabaa tokko tokko isa bira jiru.

      Yesuus namoota hedduu jireenya samiitiif duʼaa kaʼan keessaa isa jalqabaa ti (Keeyyata 15-16 ilaali)b

      15. Warri ‘jiraachifaman’ “hundi” eenyufaa dabalatu?

      15 Phaawulos “hundi isaanii karaa Kiristoos ni jiraachifamu” akka jedhe hubadhu. (1 Qo. 15:22) Xalayaan Phaawulos kan barreeffame Kiristiyaanota dibamoo Qorontos jiranii fi jireenya samiitiif duʼaa kaafamaniif ture. Kiristiyaanonni kun ‘warra tokkummaa Kiristoos Yesuusii wajjin qabaniin qulqulleeffamanii fi qulqulloota taʼuuf waamaman’ turan. Phaawulos, ‘Warra Kiristoosii wajjin utuma tokkummaa qabanii duʼanis’ caqaseera. (1 Qo. 1:2; 15:18; 2 Qo. 5:17) Phaawulos xalayaa geggeessaa hafuuraatiin barreesse kan biraa irratti, warri, ‘Duʼa akka [Yesuus] duʼuudhaan isaa wajjin tokkummaa qabaatan, duʼaa kaʼuu akka isaa argachuudhaan isaa wajjin tokkummaa akka qabaatan’ ibseera. (Rom. 6:3-5) Yesuus qaama hafuuraa taʼee duʼaa kaʼeera, akkasumas gara samii deemeera. Kiristiyaanonni dibamoon ‘Kiristoos wajjin tokkummaa qaban’ hundis mirga kana argatu.

  • Duʼaa Kaʼuun—Abdii Amansiisaa dha!
    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa)—2020 | Muddee
    • 17. Warri ‘Kiristoosii wajjin tokkummaa qaban’ badhaasa isaanii isa samii kan argatan yoomi?

      17 Phaawulos yommuu xalayaa isaa warra Qorontosiif barreessetti duʼaa kaʼuun warra ‘Kiristoosii wajjin tokkummaa qabanii’ hin jalqabne ture. Kanaa mannaa, Phaawulos, “hundi isaanii dabaree isaaniitiin duʼaa kaafamu: Inni jalqabaa Kiristoosi; achiis yeroo inni argamutti warra kan Kiristoos taʼantu kaafama” jechuudhaan gara fuulduraatti akka raawwatamu argisiiseera. (1 Qo. 15:23; 1 Tas. 4:15, 16) Yeroo harʼaa ‘argamuu’ Kiristoos ilaalchisee yeroo raajiidhaan dubbatame keessa jiraanna. Ergamoonnii fi Kiristiyaanonni dibamoo kan biroon duʼan badhaasa isaanii isa samii argachuu fi ‘duʼaa kaʼuu akka [Yesuus] argatanii isaa wajjin tokkummaa qabaachuuf’ hamma argama isaatti eeggachuu qabu turan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi