-
“Halalummaa Baqadhaa!”“Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
-
-
3. Tooftaan Bala’aam kan isaaf mijaa’e hanga maaliitti ture?
3 Tooftaansaa kun isaaf mijaa’eeraa? Eeyyee hamma tokko isaaf mijaa’eera. Dhiironni Israa’el kuma kudhaniin lakkaa’aman ‘dubartoota Mo’aabii wajjin waan ejjaniif’ kiyyoo isaaniif qophaa’een qabamaniiru. Waaqa hormaataa ykn waaqa saalqunnamtii Mo’aabotaa isa Ba’aal Phe’or jedhamu dabalatee waaqayyolii Mo’aabotaa warra ciiggaasisoo waaqeffachuu jalqaban. Kanaan kan ka’es Israa’eloonni 24,000 ta’an qarqara Biyyattii Abdachiifamteetti dhuman. Kun baay’ee kan nama gaddisiisu ture!—Lakkoobsa 25:1-9.
-
-
“Halalummaa Baqadhaa!”“Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
-
-
4. Israa’eloonni kumaan lakkaa’aman ejjaan kan mo’an maaliif ture?
4 Wanti balaan kun akka ga’uuf karaa bane maalidha? Baay’eensaanii Yihowaa isa biyya Gibxii isaan baase, lafa onaatti waan nyaatan isaaniif kenne, gara qarqara biyya abdachiifamtetti nagaan isaan geggeesserraa garagaluudhaan garaansaanii hamaa akka ta’u godhanii turan. (Ibroota 3:12) Phaawulos kana yaadachuun akkas jedhee barreesseera: “Isaan keessaa kaan gaalamootummaatti gad of dhiisanii, guyyaa tokkotti namoonni kumni digdamii sadii akka dhuman, kottaa nu immoo gaalamootummaatti gad of hin dhiifnuu!”a—1 Qorontos 10:8.
-
-
“Halalummaa Baqadhaa!”“Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa”
-
-
a Baay’inni namootaa Seera Lakkoobsaarratti ibsame “angafoota sabaa” abboota firdiitiin ajjeefamaniifi dheekkamsa Yihowaatiin kallattiidhaan ajjeefaman kan dabalatudha. Isaanis gara 1,000 ta’u.—Lakkoobsa 25:4, 5.
-