-
Jaalala Isa Yoomiyyuu Hin Badne HordofaaMasaraa Eegumsaa—2009 | Muddee 15
-
-
13. (a) Caqasni waggaa 2010 maalidha? (b) Jaalalli yoomiyyuu hin badu kan jennu maaliifi?
13 Phaawulos ittaansuudhaan jaalalli maal akka ta’eefi maal akka hin taane ibseera. (1 Qorontos 13:4-8 dubbisi.) Amma, wanta jaalalli gaafatu hammam raawwachaa akka jirtan qoruuf yeroo ramadaa. Keessumaa jechoota dhuma lakkoofsa 7fi jalqaba lakkoofsa 8rratti, ‘Jaalalli hundumaa obsa. Jaalalli yoom iyyuu hin badu’ jedhuufi caqasa waggaa 2010 ta’erratti xiyyeeffadhaa. Phaawulos lakkoofsa 8rratti, raajiifi afaan haaraa dubbachuu dabalatee, kennaawwan hafuuraa yeroo gumiin Kiristiyaanaa reefuu hundeeffame turan akka hafan dubbachuusaa qalbeeffadhaa. Yeroon isaan itti hafan jira ture. Jaalalli garuu yoomiyyuu hin hafu. Yihowaan madda jaalalaa ta’uusaarrayyuu, barabaraaf jiraata. Kanaaf jaalalli yoomiyyuu hin badu. Amala Waaqayyoo isa barabaraaf jiraatuu waan ta’eef ittuma fufa.—1 Yoh. 4:8.
-
-
Jaalala Isa Yoomiyyuu Hin Badne HordofaaMasaraa Eegumsaa—2009 | Muddee 15
-
-
Jaalalli Yoomiyyuu Hin Badu
20, 21. (a) Jaalalli faayidaa hundarra caalu qaba kan jennu maaliifi? (b) Jaalala hordofuuf kan murteessite maaliifi?
20 Yeroo har’aatti saba Yihowaa gidduutti, jaalala isa hundumaarra caalu hordofuun gaarii akka ta’e ni hubanna. Amalli kun karaa hundumaanuu caalmaa qaba. Phaawulos ergamaan akkaataa dhugaa kana itti ibse qalbeeffadhaa. Jalqaba, kennaawwan hafuuraa akka hafaniifi gumiin Kiristiyaanaa gara ga’eessummaatti akka guddatu caqaseera. Achiis, “Egaa amantiin, abdiin, jaalalli isaan kun sadan hafanii in jiraatu; isaan keessaa garuu jaalalatu caala” jechuudhaan xumureera.—1 Qor. 13:13.
21 Dhumarratti wantoonni abdiidhaan eeggachaa turre waan raawwatamaniif, sana booda isaanirratti amantii qabaachuun barbaachisaa hin ta’u. Wanti hundumtuu haaraa erga ta’ee booda, abdiin hawwiidhaan eegaa turre kan yaadamu hin ta’u. Jaalallihoo? Jaalalli yoomiyyuu hin badu. Barabaraaf jiraata. Barabaraaf yeroo jiraannu sanatti, bifawwan jaalala Waaqayyoo dabalataa caalaatti ilaalaafi hubachaa adeemna. Jaalala isa hundumaarra caaluufi yoomiyyuu hin badne hordofuudhaan, fedha Waaqayyoo raawwachaa barabaraaf jiraachuu dandeessu.—1 Yoh. 2:17.
-